header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Barattoonni Lammiilee Afrikaa Chaayinaa keessatti rakkoo hamaaf saaxilamuu gabaafame

Dhibee Vaayirasii Koronaa Chaayinaa keessatti saffisaan babal’ataa jiruun wal qabatee, barattoonni lammiilee Afrikaa magaalaa Wuhan keessa jiran rakkoo hamaaf saaxilamuu gabaafame. Biyyoonni Ardiilee biroo heddu lammiilee isaanii magaalaa Wuhan keessaa kan baasaa jiran akka taheefi, barattoonni lammiilee Afrikaa garuu magaalatti keessatti danqamuun, sodaa dhibeen qabamuu qofa osoo hin taane, rakkoolee nyaata gahaa dhabuu fi tasgabbii dhabuutiif saaxilamaa jiraachuu ibsuu isaanii Aljaziiraan gabaase.
Rakkoon lammiilee Afrikaa kun bal’inaan eega gabaafamee booda, Keeniyaan barattoota isii 85 magaala Huwaan keessatti sababa Vaayirasii Koronaatiin danqaman biyyatti deebisuuf sochii jalqabuu beeksiste.

Paarlaamaa Keeniyaatti hoggantuun koree dhimmoota fayyaa Dr. Meersii Miwaangaangii ibsa kenniteen, “tamsa’ina vaayirasichaa too’achuuf uggurri mootummaan Chaayinaa magalaa Wuhan keessatti labse akkuma ka’een, barattoonni kun biyyatti deebi’anii bakka addaa qophaa’utti hordoffiin ni godhamaaf”jette.

Gama birootiin ammoo lammiileen Ityoophiyaa ijoolleen isaanii magaalaa Wuhan keessatti jalaa danqaman, guyyaa har’aa waajjira ministeera haajaa alaa dhaquun “ijoolleen keenna gara biyyaatti nuuf haa deebifaman”jechuun hiriiraan sagalee dhageessisuu gabaafame. Chaayinatti itti gaafatamaan Qonsilaa Ityoophiyaa Obbo Anteneh Taarikuu dhimmicha irratti yaada kenneen, “Barttoonni rakkoo isaan muudataa jiru ilaalichisee Xalayaa kan barreeffatan tahuus, mootummaa Chaayinaa waliin tahuun rakkoon nyaataa fi dhugaatii akka isaan hin muudanne haala mijeessuuf qonsilichi yaalaa jira”jedhe. Obbo Anteneh akka jedhetti, mootummaan Ityoophiyaa barattoota Chaayinaa irraa gara biyyaatti deebisuuf ammatti karoora hin qabu. Naannawa Huwan qofa barattoonni lammiilee Ityoophiyaa 300 ol Kan argaman tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

Dhaabbanti Fayyaa Addunyaa ammoo to’annoo Vaayirasii kanaa irratti qophaa’inni biyyootni Afrikaa qaban na yaaddessaa jedheera. Laaboraatooriin Vaayirasii kana qorannoon adda baasuu danda’u Afrikaa keessaa Naayijeeriyaa, Gaanaa, Madagaaskar, Seeraaliyoon fi Afrikaa Kibbaa qofa keessatti argama. Laaboraatooriin Afrikaa Kibbaa jiru hanga ammaatti saamuda namoota biyyoota Afrikaarraa shakkamanii 71 kan qorate yoo ta’u, hundinuu dhibee irraa bilisa tahuu ibsame.

Dhibeen Vayirasii Koronaa hanga ammaatti lammiilee Chaayinaa 21,000 ol akka qabatee fi namoonni 430 ammoo dhibee kanaan du’uu mootummaan biyyattii beeksise. Haata’u malee lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii dacha hedduu kan mootummaan ibsu kan caalu tahuu miidiyaaleen gara garaa gabaasaa jiran.

One Comment

  1. As Wa Wb Baratooni Lammii ityoophiyaa caynaarra garra ityoophiyaa debisuuf karoorra keessa qabban imoo achumatti tajaajiluuf deman moo akkami odduun keessa naaf ibssi mee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button