header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Barattoonni Yuunivarsitii daree osoo hin seeniin doormiitti akka baratan murtaa’e

Labsii muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahmad, tamsa’ina Vayrasii koroonaa ittisuuf guyyoota 15’f manneen barnootaa akka cufaman jechuun baase hordofuun, Ministeerri Saayinsii fi Barnootaa olaanoo,  Barattoonni Yuunivarsitii daree osoo hin seeniin’ doormii (iddoo ciisichaa) isaaniitti akka baratan murteesse.

Ministeerichi barreeyfama galgala har’aa fula fesbuka isaa irratti maxxanseen, Yuunivarsiitiwwan kitaabota,Handaawutii fi meeshalee barnootaaf barbaachisan qopheessuun, barattoonni doormiitti barnoota akka baratan haala akka mijeessu, Barsiisonni immoo gama iimeeliifi maloota biroon adeemsa baruufi barsiisuu itti fufsiisuu akka qaban hubachiise.

Sababni murteen kun darbeef barattoonni gara maatii isaanii akka deebi’an yoo murtaa’e, yeroo deebi’an carraan vaayirasichaan qabamuu guddaa ta’uu isaatiin tahuus ibsame.

Murtiin kun hojii irra oolaa jiraachuu Ministeerichi kan hordoofu tahuu fi Barattootaf hordoffiin cimaan akka godhamuuf ajaje.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button