header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Barattoota Muslimaa, sababa amantaan cinquun akka dhaabbatu gaafatame

Tarkaanfiin seeraa alaa mana barnoota sadarkaa 2ffaa fi qophaa’iinaa ‘Kafitenyaa 23’ jedhamu kan magaalaa Finfinneetti argamu irratti fudhatame, hawaasa muslimaa kan dallansiise tahuu gabaafame.

Barattoonni Muslimaa mana barnootaa kanaatti baratan yeroo gara garaatti waraqaa eenyummaa isaanii qabsiisuun Salaatanii deebi’uuf bulchinsa mana barumsichaa gaafataa turan, Hata’uu malee Daayrekterri mana barumsichaa Obbo Salamoon Zemmenee barattoota dhorkuun, tarkaanfii seeraa alaa irratti kan fudhatu odeeyfannoon ni addeessa.
Torban dabre keessa barattoonni muslimaa , Dhimmi kun akka furamuuf bulchinsa mana barumsichaa bira deemuun iyyaannoo kan dhiheessaniif yoo tahu, Daayrekterri mana barumsichaa barataa Khadiir Ibraahim jedhamu irraa waraqaa eenyummaa fuudhuun barumsa irraa kan ari’e tahuun dhagahame.

Tarkaanfiin bulchinsi mana barumsichaa barataa kana irratti fudhate kun hawaasa Muslimaa dallansiise yoo tahu, Walitti qabaan Koree Furmaata Barbaadduu Hawaasa Muslimaa, Ustaaz Abubakar Ahmad tarkaanfii seeraa alaa barataa kana irratti fudhatame balaleefatuun, Gochi seeraa alaa barattoota Muslimaa irratti sababa amantaa isaaniif manneen barnoota biyyattii keessatti raawwatamu hatattamaan akka dhaabatu qabuus akeekkachiise.

Ustaaz Abubakar barreyfama fuula Facebook isaa irratti maxxanseen “Sababa Salaataaf barataan barnoota irraa ari’ame jiraatuu odeeyfannoon nu gahee jira. Tarkaanfiin seeraa alaa fudhatame kun hatattamaan akka sirreeffamuu qabu, Akkasumaas qaamni tarkaanfii kana fudhatees akka qoratamuufi hoggantoota yeroo ammaa kanatti gocha akkasii raawwatan balaaleeffatuu qofa osoo hin taane, akkuma kanaan dura irratti qabsaa’aa turetti fuulduraafis kan irratti qabsoofnu tahuu ibsa”jedhe.

Gorsaan seeraa Koree Furmaata Barbaadduu Hawaasa Muslimaa Ustaaz Kaamil Shamsuu gama isaatiin “tarkaanfiin barattoota Muslimaa sababa amantaa isaaniif barnoota irraa ari’uu kun kan callisnee bira dabarruu miti. Gocha seeraa alaa kana Waajirri barnoota magaalaa Finfinnee fi ministeerri barnootaa akka dhaabsisuuf, akkasumas hatattamaan akka furmaata kahuu qabu gaaffanna” jedhe.
#Finfinnee #Barattoota_Muslimaa

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button