Og-Barruu

Barbaachisummaa amala gaarii
(Ustaaz Gaalii Abbaa Boor)

Amala jechuun haala nama keessa sirriitti gadi seenee osoo baay’ee itti hin yaadin hojiin isarraa madduudha.

Hojiin amala kana irraa maddu yoo gaarii ta’e amalli sun ‘Amala Gaarii’ jedhama. Yoo hojiin isarraa maddu badaa ta’e immoo amalichi sun ‘Amala Badaa’ jedhama.

Amalli namaa kun kan uumamaan gaaromuufi kan inni gaarummaa of leenjisutu jira. Fkn namoonni gariin uumamaan obsuu, dhugaa dubbachuu, nama kabajuufi kkf qabu. Namoonni gariin immoo uumamaan ni dallanu, ni ariifatu ni boonu. Warri kun of leenjisanii amala badaa kana sirreeffachuu ni danda’u.
Ergamaan Rabbiis (SAW) akki jedhan “nama amala badaa irraa of tikse Rabbiin isa tiksa. Nama kadhaa irraa of duroomse Rabbiinis isa duroomsa. Nama obsa of leenjise Rabbiin obsa kennaaf.”

Kanaafuu amala badaa of keessaa baasanii gaariidhaan bakka buufachuun ni danda’ama. Qajeelfamni isaas qalqaba akka huccuun xuriin baafatamee qulqulluun uffatamu amalli badaan ofirraa baafamee qulqulluun bakka buufama. Namoota collee biratti amala badaa baasanii gaarii bakka buusuun akkuma huccuu xurii baasanii qulqulluu uffachuutti ilaalama. Namoota of jijjiiruuf karoora hin qabne biratti immoo bishaan darbe akka waraabuutti ilaalama.

Amalli gaariin Rabbiin biratti kabajaa gurguddaa qaba:
1. Hanga amala gaarii qabaannutti iimaana guutuu hin qabaannu. Nabiyyiin (SAW) ni jedhan: “Mu’umintoota keessaa kanneen iimaana guutuu warra amalli isaanii akkaan gaariiti.”
2. Nama hunda caalaa Nabiyyii (saw) biratti jaalatama; hundarras isaanitti dhihaata.
Rasuulli (SAW) ni jedhan: “Isin keessaa namni guyyaa qiyaamaa akkaan ana biratti jaalatamuufi qubannaan isaa natti dhihaatu nama amala gaariiti.”
3. “Isin keessaa namni akkaan filatamaan nama akkaan amala gaarii qabuudha.” Rasuul (SAW)
Ummatuma jechuun amala gaariidha. Yoo amalli gaariin hin jiraanne ummanni sunuu badeera. Kun hiika walaloo Arabiffaa wahiiti.
4. Wanti amala gaarii caalaa guyyaa qiyaamaa miizaana Mu’uminaa irratti ulfaatu hin jiru. Rasuul (SAW)
Kanaafuu amalli gaariin toltuu guddaa, waan baay’ee Rabbitti nama dhiheessuudha.
5. Mu’uminni amala gaariidhaan sadarkaa nama laylii salaatuufi guyyaa soomuutti dhaqqaba. Rasuul (SAW)
6. Amalli gaariin qabeenya kamuu ni caala. Nabiyyiin (saw) ni jedhan: “yeroo amala afur qabaatte addunyaa irraa wanti ati dhabde homaa si hin miidhu: amaanaa tiksuu, dhugaa dubbachuu, haala gaaromuufi nyaata keessatti of eeguu.”
7. Gosoonni khayrii hunduu amala gaarii keessatti argama. “Khayrii jechuun amala gaariidha.” Rasuul (saw)
8. Amalli gaariin dhaamsa Nabiyyiin (saw) ummata isaaniitiif dhaamaniidha: “amala gaariidhaan namoota waliin jiraadhu.” Rasuul (saw)
9. Rabbiin (SW) amala gaariitti Nabiyyii isaa ajaje. “Dhiifama godhi; gaariitti ajaji. Wallaalaa irraa garagali.” (Qur’aana)
Nabiyyiinis (saw) akka addaatti itti xiyyeeffatu turan. “Sababni ani ergameef amala gaarii guutuudhaaf.” Rasuul (saw)
Amalli Ergamaa Rabbii (saw) Qur’aana akka ta’e haati keenya Aa’ishaan nutti himan.
Ati amala guddaa irra jirta. (Qur’aana)
10. Tooftaa gaariin ittiin namoota gara Islaamaatti waamnu amala gaariidha. Kanaafuu Rabiin “ogummaa gaariifi gorsa bareedaadhaan gama karaa Rabbiitti waami” jedhe.
“Osoo amala goggogaa qabaattee sibiraa bittinnaa’u ture.” (Qur’aana)
11. Amalli gaariin fedhii Muslima hundaati. Inumaa Ergamaan Rabbiis (saw) kadhataa turan.
“Yaa Rabbi akkuma uumaa kiyya tolchite amala koos tolchi.” Rasuul (saw)
Yaa Rabbi amala isa irra gaariitti na qajeelchi, amala gaariitti si malee kan qajeelchu hin jiru.” Rasuul (saw)
12. Nama amala gaarii qabuuf Ergamaan Rabbii (saw) jannata olaanaa waadaa seenan.
“Irra hedduun waan namoota jannata seensisuu sodaa Rabbiifi amala gaariidha.” Rasuul (saw)

Akkamitti amala gaarii argatta?
Namni uumamaan amala gaarii qabu carraa guddaa Rabbiin isa badhaase. Garuu warri of leenjisee amala isaa gaaromfate mindaa dachaa argata. Kanaafuu amala gaarii irratti of leenjisuun baay’ee barbaachisaadha. Kallattiin biraa kan ittiin amala gaarii horatan namoota gaggaariin saahiboomuudha. Namni amala hiriyaa isaa dhaaluun shakkii homaa hin qabu.
Gaalli bakka oole fakkaata jedhan.
Nabiyyiinis (saw) “namni amantii jaalalloo isaarra jiraata. Kanaafuu tokkoon keessan nama hiriyaa godhatu haa ilaallatu” jedhan.

Gosoota amala gaarii keessaa muraasni hayyummaa, obsa, dhugaa dhubbachuu, amaanaa eeguu, baallama kabajuu, arjummaa, gootummaa, dhiifama godhuu, tasgabbaa’uu, haqa dalaguu, ikhlaasa qabaachuu, boona dhiisuu, gowwoomsaa dhiisuu, garaa laafuu, iccitii eeguu, yaqiina, tawakkula, murtii qabaachuu, fuula ifuu (bashaashummaa) fi kkf.

Amala kanneen keessaan kan dirqamaafi bu’uura jireenya namaa ta’antu jiru. Fkn dhugaa dubbachuun, amaanaa eeguun, baallama kabajuun, sa’aatii hojii kabajuun, ikhlaasni, yaqiinni fi kkf amala bu’uuraati. Namni isaan kana hin qabne rakkoo ulfaataa keessa jira. Amalli gariin immoo dirqamaa mitii garuu barbaachisoodha. Fkn gootummaa, arjummaafi kkf. Kan sirriitti dursa kenninee irratti hojjachuu qabnu amalootii dirqamaafi bu’uuraati. Garuu faallaa kanaa namoonni keenya amala isa kanarratti dadhabina guddaa qaba.

Yaa Rabbi amala keenya tolchii nu jaaladhu.
اللهم حسن خلقنا كما حسنت خلقنا

Show More

...

Back to top button