Bidiruun Lammiilee Ityoophiyaa fe’attee garba Hindii irra imalaa turte dhidhimuun lubbuun nama 7 galaafatame.

Qondaalli Poolisii Taanzaaniyaa tokko akka ibsetti, Bidiruun tun namoota 13 fe’attee qarqara Taanzaaniyaa irraa ka’uun garba Hindii irra qaxxaamurtee gara Afrikaa kibbaa imalaa turte. Namoota 13 keessaa namoonni 7 kan du’aan yoo tahu, namoonni 5 ammoo lubbuun hafan ta’uu gabaasni arganne ni addeessa.

Namoota bidiruu irra turan keessaa 12 lammiilee Ityoophiyaati. Namni 13ffaa bidiruu san oofaa ture achi buuteen isaa kan hin argamin tahuu ibsame.

Comments
Loading...