header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Bineensota summii hamaa qaban

Uumamni dachii tanarra jiru lakkoofsaan hagana jedhanii dubbachuun hin danda’amu. Qorannoon saayinsii guyyarraa waan haaraya argataa deemutti jira.  Rabbiin keenna uumama hunda isaatuu haala garagaraatiin uume. Uumama hundaaf waan addaa kenneefii jira. Wanti dachii fi samii keessa jiru hundi isaatuu waan addaa uumama biro ittiin caalu qaba. Uumamni kun gosa lama. Inni tokko barbaadaa yoo tahu, Inni kuun barbaadamaadha. Tokko ni adamsa tokko ni adamsama. Bineensota hundaaf waan rizqii isaanii waan ittiin adamsanii nyaatan uumaa isaanii irraa kennameefii jira. Haaluma kanaan diina isaan adamsu irraahis waan ittiin of tiysan kenneefii uumama wal qixxeessee uume mootiin dachiii fi samii.

Bineesota summii hamaa qaban keessaa kan jalqabarratti laallu Pafar fiish (Puffer Fish) jedhamuun beekama.

Puffer-Fish summaawaa

Qurxummiin kun ilaalchatti ni bareeda. Ilaalcha qofaa mitii nyaataafis hedduu barbaadama. Haaluma wal fakkaatuun garuu bineensota hamaa ta’an keessaayis isa tokko. Qurxummiin kun baay’inaan kan argamu biyyoota akka Jaapan, Chaayinaa, Filippiins fi Meeksiikootti hogguu tahu, Qurxummiin kun summii hamaa qaba. Foon isaa haala gaariin yoo qophaahe mi’aan isaatis jabaadha. Yeroo nyaata isaa kana qopheessinu dogoggora uumnee qaama summaawaa yoo itti makne namni nyaata san dhandhame yeroo gabaabaa keessatti du’a. Foon isaa kun haala gaariin yoo qophaahe mi’aawaa akka tahe himnee jirra. Foon isaatiis akkaan qaaliidha. Nyaatni yeroo tokkoof qophaahu hanga doolaara 200tti gurgurama. Qurxummiin kun summi ‘tetrodoxin’ jedhamu of keessaa qaba. Namni dogoggoraan summii kana nyaate; qaamni isaa hundi ni gubata. Kunis qaama namaa laamshessa (paralyzed nama godha). Namni summii qurxummii kanaa nyaate dhukkubsate Booddeen isaatis du’uu ta’a. Uumaa Rabbii xiinxalaatii laalaa. Qurxummii tokko keeysatti foon mi’aawaa nama hedduun jaalatamuu fii summii hamaa nama laamsheysee ajjeesu uume. Lameenuu osoo walitti hin makamne, qurxummicha keeysa jiraata. Summiin hamaan ilma namaa haala kanaan miidhu kun qurxummicharraan rakkoo tokkollee hin gahu. Subhaan ALLAH uumaa Rabbii keennaa.

Puffer summaawaa

 

Bineensi summmii hamaa qabu kan itti aansuun laallu Raacha summaawaa (Poison Dart Frog) jedhama.

Raachi kunis bifa bareedaa qaba. Qaamni isaa xiqqaadha. Kan argamus naannoo Ameerikaa kibbaa fi jiddu galeessaatti. Summiin raacha kana keessa jiru Baatraachotoksiin jedhama. Raachi bifaan bareedaan kun summii hamaa qaba. Rabbiin summii kana akka diinaan ofirraa ittisuuf uumeef. Summii kana fayyadamee bineesota isa adamsan ofirraa ittisa. Summii kanaan hiddamnaan narviin keenna dalagaa dhaaba. Walqunnamtiin narvoota qaama keenna keessa jiru akka dhaabbatu godha. Kunis qaama namaa laamsheessuun du’aaf nama saaxila.

Poison frog

 

Kan biroo immoo bineensota summii hamaa qaban keeysaa kan laallu, Inland Taayippaan (bofa Summaawaadha)

Bofni hedduun isaanii summii akka qaban beekamaadha. Garuu summiin bofa hundaa tokkoo miti. Bofni summii hin qabnes ni jira. Inlaand Taayifaan bofa haalaan hamaadha. warra summii hamaa qaban keessaa isa tokko. Bofni kun heddumminaan Awustraaliyaa keessatti argama. Summiin isaatis nuwurootoksiin jedhama. Namni bofa kanaan hiddame daqiiqaa 45 keessatti du’a. Galanni Rabbiif haa gahu  garuu ; namni bofa kanaan hiddame wal’aansa yoo argate du’arraa hafuu  danda’a.

Poison InlandTyphon

 

Bineensota summaawoo keeysaa kan biro immoo Daarabaaftuu Braaazil (Brazilian Wandering Spider)

Daara baaftuun kun maqaa “banana Spider”jedhamuunis ni beekama. Raammoon kun daara baaftuu golden silk orb-weaver kan jedhamuunis bifa wal fakkaataa qaba. Golden silk orb-weaver summii hin qabu. Ilma namaa irraanis balaa geessuu hin danda’u. Gaaruu Daara baaftuun Braazil tun akkaan hamtuudha. Daara baaftuun kun akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2007 kitaaba Guinness Book of world recorders irratti raammoo summaawaa addunyaa jedhamee galmeeffamee jira. Namni daarabaaftuu kanaan iddame carraan qabu laamshawuu yookaan ammoo du’uu qofa.
Poisonous Brazilian Wandering Spider

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button