Binturoong

Binturoong

BINTUROONG

Binturong bineensota akka Mongoose, Fossa, xirinyii fi Genets jedhamiin waliin walitti dhiheenya qaba. Uumamni kun maqaa Bearcat jedhamuunis ni beekama. Eddooon qubsuma isaatis Ardii Eeshiyaa keessa yoo ta’u, harraan tana garuu sababa adda addaatin lakkoofsi isaa xiqqaachaa akka jiru himama. Uumamni kun warra soorata gosa lachuu sooratu keessatti ramadama. Mee waahee bineensa kanaa qabxiilee muraasa haa ilaallu.

Ijaarsa Qaamaa

Ijaarsa qaama isaa irraa haa jalqabnu. Binturongbineensa qaama jiddu galeessaa qabuudha. Qoffee isaa irraa kaasee haga eegee isaatti meetira tokkoo ol dheeratuu danda’a. dhalaan ammoo ulfaatinaanis ta’e, dheerinna qaamaatiin dhiiraa ni caalti. Avreejiidhaan, dhalaan takka parsantiin 20n dhiira caalti. Kan jechuun dhiirri meetira tokko yoo ta’e, dhalaan ammoo meetira 1 fi seentimeetira 20 taati jechuudha. Uumamni kun gogaa isaa irraa rifeensa dheeraa fi jabaataa qaba. Halluun rifeensa isaa ammoo gurraacha, Magaala gara gurraachaa dabuu fi daalacha gara gurraachaa dabutu jira. Rifeensa biroo kan akka areedaa gurra isaa irraa kaasee gara qoffee isaa gad deemu qaba. Hanfarroon isaa ammoo daran dheeraadha. Rifeensa qaama isaa irra jiru hunda caala dheeratee mul’ata. Eegeen sanyii Binturong tokko tokko kan ajaa’ibaati. Eegeen isaa kun akka miila shanaffaatti isa tajaajila. Muka tokkorraa gara muka biraa deemuu yoo barbaade, akkasumas mukarraa gad rarra’uu yoo barbaade, eegee isaa kana muka irratti mara.

Qubsuma Isaa

Qubsumni uumama kanaa biyyoota Eeshiyaa gama Kibbaa bahaa jiran keessa yoo ta’u, Isaanis, Chaaynaa, Indiyaa, Taaylaand, Kamboodiyaa, Maaleeyshiyaa, Indoneeshiyaa, Filippiinii fi eddoola Boorniyooti. Biyyoota heddu keessatti argamuun isaa garu rakkina jalaa isa oolchuu hin dandeenye. Lakkoofsi uumama kanaa daran xiqqaachutti jira. Jireenya isaatiif, bosona akkaan tuucha’aa fi eddoo laga suuta yaa’u jiru filata. Bosona diina jalaa keessatti dhokachuuf barbaada. Bishaan ammoo qaama isaa ittiin qabbaneeffata, akkasumas soorata keessaa barbaaddata.
Haala jireenya uumama kanaa ammoo haa ilaallu. Binturong solitary and nocturna animal warra jedhaman keessatti ramadama. Uumama guyyaa dhokataa, halkan qofa socho’u, akkasumas bineensa kopha kophaa jiraatu jechuudha. Qaamni uumama kanaa ulfaataa waan ta’eef, mukarraa mukatti utaaluu hin danda’u. Garuu muka gubbaa koruudhaaf heddus hin cinqamu. Miila jabaa, qaama akka gaaritti isaaf ajajamuu, qeensa dhedheeroo fi eegee addaa badhaafamee jira. Yeroo hoo’I akkaan hammaatetti ammoo qaama ofii qabbaneeffachuudhaaf bishaan keessa seenee daaka. Jireenya kopha kophaas jiraatu, darbee darbee garee uumamnii jiraatuu ni danda’u. Yeroo kanatti abbaa aangoo ta’ee kan garee san toohatu dhiira osoo hin taane dhalaadha. Akkuma duratti isiniif hime, dhalaan dheerinna qaamaatiinis ta’e, ulfaatinaan warra dhiiraa ni caalti. Uumamni kun sagalee jabaa qaba. Binturong biraatiin walii galuuf akkasumas diina fageenyarratti argan walii himuuf sagaleen walitti lallabu.
Bineensonni kopha kophaa jiraatan yeroo wal hormaataa walitti dhufuun isaanii waanuma baramaadha. Dhalaan Binturong eega wal qunnamtii wal hormaataa raawwatteen booda mukarraa buutee, goojjoo ilmoolee keessatti dhaltu qopheeffatti. Rimayni isiitis ji’a 3f tura. Bosonaa fi marga akkaan tuucha’aa ta’e jalatti goojjoo san qopheessiti. Kunis ilmoolee diina jalaa dhoksachuudhaaf isii gargaara. Eega jiini sadi dhumeen booda ilmoolee haga sadihii dhalti. Ilmooleen kunniin gaafa dhalatan tomtoommoo harkaatiin wal qixa. Ilmooleen kunniin gaafa dhalatan akkuma hoosifoota hedduu ijaan hin argan. gurraanis hin dhagahan. Dhawaataan suuta jabeeffataa guddatan. Haga ji’a lama guutaniif muchuma haadhaa hodhaa jiraatan. Gaafa ji’a 2 guutan harma gu’anii rizqii ofii barbaaddachuu jalqaban.

Soorata Isaa

Binturong bineensota foon sooratan keessatti ramadama. Haa ta’u malee bineensota Frugivorous ykn ammoo bineensota firii mukaa sooratan keesattis ni ramadama. Kanaafuu uumamni kun gosa lachuu ni soorata jechuu dandaeenya. Hedduminaan ilbiisota, simbirrootaa fi tuqaa adamsee soorata. Soorata isaatis hedduminaan halkan halkan dhokatee adamsa. Dabalataanis uumama bishaan daakuu danda’u waan ta’eef, bishaan keessaa qurxummiilee garagaraa adamses ni soorata.
Qaama jiddu galeessaa qabaachuu isaatiin wajji, deemsa irrattis harkifataa waan ta’eef, bineensota hedduuf akka soorataatti barbadama. Haa ta’u malee, eddoon inni jiraatu, muka gubbaa waan ta’eef akkasumas bakka akkaan tuucha’aa waan barbaaduuf, diina jalaa dhokachuu ni danda’a. Bineensota daggala keessa galan keessaa Qeerransaa fi bofni; qilleensa gubbaa ammoo risaan diina uumama kanaati. Uumamni kun diina jalaa dhokachuudhaaf bosona barbaada. Bakka inni galu kana ammoo ilmi namaa ciree jalaa balleessaa waan jiruuf rakkoo hamaa keessa seenutti jira. Haala kanaan uumamni kun uumama baduuf deemu keessatti galmaayee jira.

Comments
Loading...