header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Biyya Jarmanitti Bulchiinsi Magaalaa Kolonyi Azaanni sagalee guddiftuun akka godhamu hayyame

Bulchiinsi Magaalaa Kolonyi ibsa baaseen, masjiidota magaalattii hunda keessatti salaata Jum’aatiif Azaanni sagalee guddiftuun akka godhamu hayyamuu beeksise. Kantiibaan magaalaa Kolonyi Henriette Reker akka himtetti, gaaffii hawaasa muslimaa irraa dhihaate hordofuun, yaadichi wal kabajaa amantaalee jidduu jiru cimsuudhaaf kan gargaaru tahuu hubatamee murtiin kun kenname.

Kantiibaan Kolonyi itti dabaluudhaanis “hawaasni muslimaa magaalaa teennaa qaama lammiilee biyyatanaati; kanaaf,  akkuma bilbila manneen batasakaanaa irraa dhageenyutti, Azaana dhagayuunis miira walkabajaa dagaagsuu fi hedduminni aadaa fi amantaa magaalaa Kolonyi keessatti kan kabajamu tahuu qabataman mirkaneessuudha”jette.

Woggoota lamaan dhufaniif, masjiidota hunda keessatti dhimma Azaanaatiin walqabatee gaaffii fi yaada ummataa namni keessummeessu kan ramadamu tahuus ibsame. Kolonyi lixa Jarman keessatti magaalaa guddoo yoo taatu, lammiilee hidda dhalataa Turkiyaa qaban dabalatee hawaasa muslimaa lakkoofsaan guddaa ta’e qabdi.

Gareewwan Finxaaleyyiin biyyoota Awrooppaa Azaana, Hijaabaa fi Niqaaba irratti xiyyeeffatuun jibbaa muslimoota yeroo labsaa jiran kanatti, Muslimoonni Awrooppaa hedduun murtii bulchiinsa magaalaa Kolonyi kana “warra jibbiinsa leellisaniif deebisaa qabatamaadha”jechuun gammachuun simataa akka jiran Anaadooluu Niiwus gabaase.

 

7 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button