header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Biyyoonni lixaa Sarbama Mirgaa Muslimoota Wiigar irratti raawwatamu mormuun Chaayinaa irra qooqqobii kaa’an

Mootummaan Chaayinaa maqaa finxaalessummaa too’achuu jedhuun, kutaa biyyattii Zinjiyaangi jedhamu keessatti muslimoota Wiigar kan dararu tahuu, dhaabbileen mirga namoomaa fi miidiyaaleen addunyaa gabaasaa turuun ni beekama.

Himannaan mootummaa Chaayinaa irratti dhiyaataa ture, Kaaba-Lixa biyyattii bulchiinsa Zhiinjiyaang keessatti mooraa bal’aa ijaaruun hawaasa muslimaa  keessatti hidhee akka jiruu fi achittis reebichi hamaan, humnaan olitti hojiif dirqamsiifamuu fi haleellaan saal-quunnamtii irra ga’aa jira jechuun  komatama.

Mooraa Muslimootni Wiigaar itti dararfamaan

 Kanuma hordofuun dhimmicha ilaalchisee biyyoonni heddu Chaayinaa kan balaaleffataa turan yoo tahu,Biyyoonni lixaa  akka US, UK, Kanaadaa fi Gamtaan Awurooppaa dhiittaa mirga namoomaa muslimoota wiigar  irra ga’a jiru kana mormuun Chaayinaarra qoqqobbii kaa’un gabafame.

Qoqqoobbiin biyyoonni lixaa Chaayinaarra kaa’an kun qondaaltota Zhiinjiyaang keessatti mirga muslimoota wiigar sarbaa turan irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u, dhorkaa balalii xiyyaaraa(imalaa) fi qabeenyi (maallaqa) akka hin sochoone kan ugguruudha.

Ministirri Dhimma Alaa UK Doominik Raab “Yakki muslimoota Wiigar irratti raawwatamaa jiru, dhiittaa mirga namoomaa isa hammaataa kan bara kamiiyyuu caaluudha, addunyaan dhimma kana callistee ilaaluu hin qabdu”jedhe.

Ministirri Dhimma Alaa UK Doominik Raab

Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinken immoo gama isaatiin  Chaayinaan ”yakka duguuggaa sanyii fi haleellaa dhala namaarratti” raawwachaa jirtuun itti gaafatamuu qabdi jedhe.

Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinken

Ministeerri Dhimma Alaa Kanaadaa ibsa baase keessatti ”haleellaan muslimoota Uighur irratti raawwatamaa jiru mootummaadhaan kan durfamuudha. Itti yaadamee qondaltota biyyattiin kan raawwatamaa jiruudha,” jechuun balaleeffate.

Qoqqobbii kana duras biyyoonni addunyaa hedduun haleellaa muslimoota Wiigar irra ga’u mormuun Chaayinaa himachaa turuun ni yaadatama.

7 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button