header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaEeshiyaaKoroonaaOdeeyfannoo

Biyyoota hedduutti Masjidoonni banamaa jiran

Tatamsa’ina weerara dhukkuba Koroonaa-vaayras to’achuuf biyyoonni hedduun Masjidoota dabalatee, tarkaanfii manneen amantaa cufuu fudhatanii turan.

Makkah
March 2020 yeroo Sababa COVID-19 Masjid Al-Haraam yeroo cufame

Mana taa’uun dhukkuba kana jalaa baraaramuu waan taheef tarkaanfiin kun Istaadiyeema, mana taphaa, waajjiroota daldalaa, Konsertiileefi Hoteellan gurguddaa mara, walumaa galatti bakka namni itti walitti qabamu hundatti labsame.

Haa ta’uu malee torban kana keessa biyyoonni addunyaa tokko tokko uggura sochii labsan laaffisuun, bakkoota cufan garii banaa jiran. Masjidnilleen kana keessa banamuun gabaafame.            

Biyyoota dursanii Masjida banan keessaa takka Turkiyaadha. Jum’aa dabre Prizdaantiin Turkii Rajab Tayyib Ardogaan Masjida Masraa biyyattii duratti arkamutti Hoolota 1003 gorra’uun, irraa qalee Masjida banuun dhagahame. Neefkaan qalamees harka-qalleeyyiif raabsamee ture.

Istaanbuli
Masjida Fath kan magaalaa guddoo Turkiyaatti argamutti May 29, 2020 Salaata Jama’aa.

Magaalaa Ankaaraatti May 29,2020 ummanni lakkoofsaan guddaa ta’e, haala walirraa fageenya hawaasummaa eegateen akkasumas haguuggii afaanii fi funyaanii godhatuun salaata Juma’aa Masjida Bayraamiitti salaate.

Masjida Bayram Turkiyaa Magaalaa Ankaaraa
Masjida Bayraam Turkiyaa Magaalaa Ankaaraatti, May 29,2020 ummanni walirraa fageenya hawaasummaa fi Maskii godhatuun Salaata Juma’aa irratti argame

SA’UUDII

Madiinaa Masjida Nabawiin hangafee, Sa’uudiinis magaalota 30 ol keessatti Masjida banuu kan jalqabde tahuu ifoomsite.

Masjida Nabawii
Masjid Al Nabawiin ji’a lama booda May 31,2020tti yeroo banameetti Salaatni Fajrii Jama’aan yeroo salaatamu.

Mootummaan Sa’uudii ji’a lama dura, Masjidoota Kabajamoo 2n dabalatee, Masjidoonni biyyaattii keessatti arkaman hundi akka cufaman labsite. Torban dabre ammoo uggura sababa COVID-19’niif biyyattiitti labsame kan laaffisu ibsite.

Biyyattiitti Masjidoonni 90,000 ol banamanii jiran. Haa tahu malee lakkoofsi warra Masjidatti Salaatuu 40% tahuu akka qabu kaasan. Uggurri gama kanaan ture ka’uun wal qabatee seeroonni tokko tokkoos baafamuu dubbatan. Warri Masjidatti Salaatuu barbaadu manatti Wudu’atee, Sijaajaa dhuunfaa qabatee, haguuggee fuulaa kaayatee akka bahu, eega Masjida gaheehis Meetira 2tti waan dhihaatu namaan adda fagaatee akka Salaatuu qabu ifoomsan. 

FALASXIIN

Ji’oota 2f, ji’a March irraa kaasee biyya Falasxiinittiis Masjidoonni cufamanii turan. Uggurri ture ka’uunis Mooraan Masjida Al Aqsaa banamuun dhagahame.

Al aqsaa
Salaata Jama’aa Ugura COVID-19 booda Masjid al Aqsaatti July, 2020

Iiraanittiis Masjidoota dabalatee manneen amantaa hundi banamuun gabaafame.

6 Comments

  1. maasha’allaah tabaarakallaah Rabbiin dhukkuba kanalleen nurraa kaasee nagaaf tasgabbii nuuf hakennu

  2. Asalaamalekum woramatulahi wobarakatu
    Masha Allaah masha Allaah masha Allaah Tabaraakalaa Tabaraakalaa Alaahu Akuubar Alaahu Akuubar Alaahu Akuubar Alaahu Akuubar Alaahu Akuubar Alaahu Akuubar Alaahu Akuubar 😭😭

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button