Advertisements
AwrooppaaOdeeyfannoo

Boris Johnson Jibbiinsa Islaamummaa Paartii isaa keessatti mul’atu ilaalchisee dhiifama gaafate

Muummichi ministeera Briteen Boris Johnson Jibbiinsa Islaamummaa Paartii Conservative keessatti babal’ataa dhufe ilaalchisee dhiifama kan gaafate yoo tahu, dhimmicha irratti yeroo gabaabaa keessatti qorannoon bal’aan kan jalqabamu tahuus beeksise.

Mr Johnson Arba’aa har’aa miidiyaaleef yaada kenneen “Jibbiinsa Islaamummaa Paartii keenna keessatti mul’ataa jiru ilaalchisee, akkasumas namoota jibbiinsa kanaan hamilee fi qalbiin isaanii cabe hunda dhiifama gaafachuu barbaada” jechuu isaa Anadolu News gabaase.

Briteen keessatti jibbiinsa Islaamummaa babal’ataa dhufeen wal qabatee, miidhaan adda addaa muslimoota irratti raawwatamu biyyattii keessatti kan dabale yoo tahu, Manni Marii Muslimoota Briteen akka jedhutti, Muummicha Ministeeraa Briteen mataa isaa dabalatee jibbiinsi Islaamummaa qondaltonni ol’aanoon Paartii Conservative calaqqisiisan, guutuu biyyattii keessatti dhimmicha kan hammeesse tahuu ibsaa turan.

 

Advertisements
Tags
Show More

...

Back to top button
Close
Close