Categories: Awrooppaa Odeeyfannoo

Boris Johnson Jibbiinsa Islaamummaa Paartii isaa keessatti mul’atu ilaalchisee dhiifama gaafate

Muummichi ministeera Briteen Boris Johnson Jibbiinsa Islaamummaa Paartii Conservative keessatti babal’ataa dhufe ilaalchisee dhiifama kan gaafate yoo tahu, dhimmicha irratti yeroo gabaabaa keessatti qorannoon bal’aan kan jalqabamu tahuus beeksise.

Mr Johnson Arba’aa har’aa miidiyaaleef yaada kenneen “Jibbiinsa Islaamummaa Paartii keenna keessatti mul’ataa jiru ilaalchisee, akkasumas namoota jibbiinsa kanaan hamilee fi qalbiin isaanii cabe hunda dhiifama gaafachuu barbaada” jechuu isaa Anadolu News gabaase.

Briteen keessatti jibbiinsa Islaamummaa babal’ataa dhufeen wal qabatee, miidhaan adda addaa muslimoota irratti raawwatamu biyyattii keessatti kan dabale yoo tahu, Manni Marii Muslimoota Briteen akka jedhutti, Muummicha Ministeeraa Briteen mataa isaa dabalatee jibbiinsi Islaamummaa qondaltonni ol’aanoon Paartii Conservative calaqqisiisan, guutuu biyyattii keessatti dhimmicha kan hammeesse tahuu ibsaa turan.

Leave a Comment

Recent Posts

  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii haalli Ityoophiyaa keessa jiru kan isa yaaddeesse tahuu beeksise

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiiniin Mirga Namoomaa ibsa baaseen, ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatame hordofuun…

2 hours ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Bulchiinsi mootummaa saba Sidaamaa ifatti hundeeffame

Ummanni Sidaamaa ji’oota muraasa dura zooniin isaanii gara naannoo akka ol guddatuuf sagaleen rifarandamiitiin kan…

3 hours ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Lakkoofsi Namoota Naannoo Oromiyaatti ajjeefamanii 100 ol tahuu ibsame

Muummichi Ministeeraa Abiy Ahmad Guyyaa har'aa marii haala yeroo irratti qondaaltota mootummaa waliin kan taasise…

1 day ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Mootummaan “Jawaar Muhammad fi warri isa waliin ture hoggantoota mootummaa ajjeesuuf yaada qaban” jechuun yakke

Poolisiin Federaalaa ibsa galgala har’aa baaseen, Awwaalcha Artist Haacaaluu Hundeessaan wal qabatee yaalii ajjeechaa hoggantoota…

3 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Mormii Godinaalee Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiruun walqabatee namoonni 50 ol ajjeefamuu gabaafame

Ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatame hordofuun magaalota Oromiyaa heddu keessatti mormiin ka’e har’as kan…

3 days ago
  • Breaking
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Mootummaan Itoophiyaa Obbo Jawaar Muhammad dabalatee namoonni 35 to’atamuu ibse

Komishiniin poolisii Federaalaa fi Naannoo Oromiyaa ibsa waloon miidiyaa biyya keessaatiifi kennaniin, Obbo Jawaar Muhammad…

4 days ago