header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

BREAKING: Ilhaan Umar fi Rashiidaa Xaalib dubartoota Muslimaa yeroo jalqabataafii Kongirasii Ameerikaatiif filataman tahuun seenaa hojjatan

Ilhaan Umar dubartii lammii Somaalee yoo taatu, waggaa diigdama dura maatii isii waliin gara Ameerikaatti baqatte. Ilhaan waggaa lama dura Paartii Dimokraatotaa bakka bu’uun  miseensa mana mare bakka bu’oota Kutaa Minesootaa tahuun filatamtee turte.  Filannoo marsaa walakkeessaa (mid-term election) jedhamu kana irratti ammoo,  Kutaa Minisootaa irraa miseensa Kongirasii Ameerkaa tahuun filatamte.

 

 

Haaluma walfakkaatuun Rashiidaa Xaalib Kutaa Michigaan irraa Dimokraatota bakka bu’uun miseensa Kongirasii Ameerikaa tahuun filatamte. Rashiidaa Xaalib intala baqattoota Falasxiin yoo taatu, achuma Ameerikatti dhalatte. Dubartoonni  lamaanuu uggura Traamp Muslimoota irra kaahe dabalatee imaammata Bulchiinsa isaa cimsanii qeequun beekaman.

 

 

Ummanni Ameerikaa filannoo marsaa walakeessaa kanaan, Miseensota Mana Maree 435, Senaatarootaa 35 fi Bulchitoota Kutaalee (Governers) 36  filataa jiru. Bu’aan filannoo kana sa’aatii muraasa keessatti guututti ni beekama jedhamee eegama.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button