header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

BREAKING: Loltoonni Gaaboon dhaabbata Raadiyoo biyyattii too’achuun yaalii fonqolcha mootummaa kan geggeessaa jiran tahuu gabaafame

Loltoonni kunniin ganama har’a dhaabbilee mootummaa heddu kan too’atan yoo tahu, Raadiyoo biyyooleessaatiin mufii mootummaa irratti qaban ibsuun dhaabbileen hundi too’annaa waraanaa biyyattii jala kan galan tahuu labsan. Prezdaantiin biyyattii Alii Boongoo dhibee dhiibbaa dhiigaa isa muudateen yeroo ammaa Morokoo keessatti kan yaalaamaa jiru tahuun beekamee jira.

 

Hogganaan loltoota kanaa Lieutenant Kelly Ondo Obiang, akka jedhetti “Dhaamsa prezdaantichi bara haarayaa ilaalchisee dabarse irraa,  kanaan booda biyyattii hogganuu kan hin dandeenye tahuu isaa hubannee jirra”jedhe. Yeroo ammaa kana magaalaa guddittii biyyattii Libreville keessatti dhukaasni cimaan kan adeemaa jiru tahuu Rooyters gabaase.

 

Gama birootiin ammoo Ameerikaan Filannoo Koongoo keessatti geggeeffame hordofuun, rakkoon yoo kan uumamu tahe lammiilee isii biyyattii keessaa baasuudhaaf sababa jedhuun, Arba’aa dabre loltoota isii Gaaboon keessa akka qubsiiste ibsite.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button