header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

BREAKING: Majliisni seeraan alaa mootummaa waliin tahuun Nannoo Hararii keessatti shira xaxaa jiraatuu beekame

Ummanni naannoo Hararii kanaan dura hoggantoota majliisa seeraan alaa buusuun, hoggantoota ofii kan filate tahuun ni yaadatama. Haata’u malee majliisni seeraan alaa hoggantoota ummataan filataman kana nammota ofii fedheen bakka buusuudhaaf sochii kan jalqabe tahuun beekamee jira.

 

Haaluma kanaan majliisni seeraan alaa bakka bu’aa ministeera Nageenyaa Obbo Geetawaa Dastaa dabalatee namoota jaha, guyyaa 30/7/2011 irraa eegalee gara naannoo Hararii kan bobbaase tahuu, xalayaa majliisichi bulchiinsa naannoo Harariitiif barreesse irraa hubachuun danda’ameera.

 

Majliisni seeraan alaa kun dhiheenya kana naannolee heddu keessa socho’uun shira adda addaa kan xaxaa jiru tahus, sochiin amma naannoo Hararii keessatti jalqabame kun garuu mootummaan Federaalaatis majliisicha waliin ummata muslimaa irratti badii kan dalagaa jiru tahuu ifatti mul’isa.

xalayaa majlisa seeraan alaa

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button