header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Breaking News: Abbaan Alangaa Israa’el Muummicha Ministeeraa biyyattii irratti himanna malaamaltummaa bane

Abbaan Alnagaa mootummaa Israa’el muummicha ministeera biyyattii Benjamin Netaniyaahuu irratti qorannaa yakkaa geggeessaa ture kan xumure yoo tahu, Kubbaaniyyaa Telekominikeeshiinii dhuunfaa irraa maallaqa gubboo fudhachuu dabalatee, yakkoota malaamaltummaa ol’aana sadi raawwatuu isaa mirkaneessuu beeksise.
Haaluma kanaan Benjamin Netaniyaahu fi haadha manaa isaa irratti himannaan yakka malaamaltummaa fudhachuu, sanadoota sobaa qopheessuu fi imaanaa ummataa nyaachuu jedhu banamee jira.
Abbaan alangaa mootummaa Israa’el muummichi ministeeraa yakka raawwachuu eega mirkaneessee booda, qondaaltota biyyattii waliin himannaa banuu fi dhiisuu irratti yeroo dheeraaf kan mari’ataa ture tahuu ibsame. Mr. Netaaniyaahuun seenaa biyyattii keessatti hogganaa Israa’el aangoo irra osoo jiru mana murtiitti himatame isa jalqabaa tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button