header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Ameerikaa fi Xaalibaan sanadii wali galtee marii nageenyaa kan xumuraa mallatteessan

Xaalibaan fi Ameerikaa marii nageenyaa yeroo dheeraaf Qaxar magaalaa Dohaa keessatti geggeessaa kan turan yoo tahu, har’a February 29, 2020 lola Afgaanistaan keessatti waggaa 18 oliif geggeeffamaa jiru dhaabuf walii galtee mallatteessan. Sirna mallattoo magaalaa Dohaa keessaatti har’a geggeeffame kana irratti Ministeera haajaa alaa Ameerikaa fi Garee Xaalibaan irraa qondaaltonni olaanoon irrati hirmaatanii jiru. Haaluma wal fakkaatuun qondaaltota mootummaa Afgaanistaan dabalatee bakkaa buutonni biyyoota hedduu, akkasumas UN dabalatee hoggantoonni dhaabbilee idil addunyaa sirna mallattoo walii galtee seena qabeessa jedhame kana irratti argamanii jiran.
Gareen Xaalibaan kanaan dura mootummaa Afgaanistaan bulchaa jiru waliin gonkuma mariif kan hin teenne tahuu ibsaa ture. Haata’u malee torbee dabre waliigalteen xumuraa Ameerikaa waliin eega mallatteeffamee booda, qaamota siyaasaa Afgaanistaan hunda waliinuu mari’achuuf qophii tahuus beeksise. Haaluma kanaan mootummaa fi xaalibaan jiddutti wal amantaa uumuudhaaf jalqaba hidhamtoota dabarsanii walii kennuu irratti mari’achuuf gamanumaa sochiin kan jalqabame tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Gama biraatiin ammoo dhimmi ijoon sanadii walii galtee Ameerikaa fi Xaalibaan mallatteessan kana keessatti hammatame, loltoonni Ameerikaa 14,000 fi loltoonni biyyoota miseensa NATO 17,000 Afgaanistaan keessaa kan bahan yoo tahu, gareen Xaalibaan gama isaatiin hidhattoonni biyyoota biroo biyyatti dawoo akka hin godhanne itti gaafatamummaa kan fudhatu tahuu ibsame.
Lola Ameerikaa fi michuuwwan isii mootummaa Afgaanistaan waliin tahuun, Xaalibaan irratti waggoota 18 ol geggeessaa turaniin, lamiileen Afgaanistaan 34,000 ol ajjeeffamuu fi 100,000 ol ammoo madaayuu gabaasni UN ni addeessa.

3 Comments

  1. As wr wb
    maashaa Allaah qopheessitoota qophiiwwan nuuralhudaa hundi keessanuu galta Keessan Rabbiin isiniif haakaffalu.
    NH irraa barnoota guddaa fudhachaa jirra
    jabaadhaa obboleewwan keenya waan guddaa nu barsiisaa jirta haaluma kanaan itti nuuf fufaa isiniin janna.
    Rabbiif jacha isin jaalanna galatoomaa
    JZK.RABBIIN isin haamilkeessu jiruu gaarii nuuf jiraadhaa milkii keessa nuuf qubadhaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button