header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Breaking News; Lammiilee Oromoo naannoo Somaalee irraa buqqifamuun naannawa Adaamaa qubsiifaman manneen irraa gubaman

Guyyaa har’aa hordoftoonni amantaa kiristaanaa ganda Qacamaa jedhamu keessa jiraatan, oduu sobaa “Ummanni achitti qubsiifame bataskaana keenya nuurraa gubuuf”jechuun hordoftoota amantaa Ortoodoksii naannaawa magaalaa Adaamaa jiran waamatuun manneen baqattootaa akkuma jiruun kan barbadeessan tahuu namni achirraa bilbilaan dubbisne nuuf hime.

Akka namni kun jedhetti, “ganda kana keessa dhalattoonni saba Amaaraa akka heddummaatanii fi guyyaa buqqaatoonni kun achi qubsiifaman irraa kaasee walitti gaarrifataa turan. Dhalattoonni Oromoo gandicha keessatti qubsiifaman kun masjiida kan ijaaratanii turan yoo tahu, yeroo adda addaatti akkam masjiida ijaarattu jechuunis morma turan. Guyyaa har’aa immoo gurmaayanii dhufuun manneen baqattootaaf ijaarame gutumaa guututti ibiddaan barbadeessan”jedhe. Miidhaa lubbuu namaa irra gahe adda baafatuu hin dandeenye. Qaamonni mootummaa gandichatti argamnis balaa kana dhaabsisuu kan hin danda’in tahuu namni dubbisne kun nuuf hime.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button