Categories: Eeshiyaa Odeeyfannoo

Breaking News: Muummichi ministeera Iiraaq aangoo gadi lakkisuuf qophii tahuu beeksise

Lammiileen Iraaq malaamaltummaa mootummaa biyyattii keessatti babal’ateen walqabatee, qaalayiinsa jireenyaa hammaataa dhufe mormuun ji’a lama dura daanditti bahuun isaanii ni beekama. Mootummaan biyyattii rakkoo diinagdee furuuf kan carraaqaa jiru tahuu ibsuun lammiileen biyyattii akka tasgabbaahan kan gaafataa ture tahus, mormiin ummataa kun magaalota heddu keessatti itti fufee jira.

Yeroo dhihoo as ammoo mormiin magaalota biyyattii heddu keessatti ka’e gara jeequmsaatti jijjiiramuun lubbuu namaa fi qabeenya heddu kan galaafataa jiru yoo tahu, loltoonni mootummaatis tarkaanfii humnaa fudhataa jiraniin guyyaa kaleessaa qofa magaalota Nasriyaa fi Najaaf jedhaman keessatti namoonni 50 ol ajjeefamanii jiru.

Kanuma hordofuun humnoonni siyaasaa biyyattii muummichi ministeeraa angoo isaa akka gadi lakkisuu dhiibbaa cimaa godhaa jiran. Haaluma kanaan muummichi ministeera Iiraaq Adiil Abdul Mahdi ibsa Jum’aa har’aa baaseen aangoo gadi lakkisuuf qophii tahuu beeksise. Mr Adiil ibsa isaa kanaan “aangoo muummicha ministeeraa gadi lakkisuuf xalayaa paarlaamaaf ni galcha; paarlaamaan hogganaa biyyattii bakka koo bu’uu danda’u akka filatu gamanumaan beeksisa” jedhe.

Dhaabbiileen mirga namoomaa akka jedhanitti, hiriira mormii Iiraaq keessatti geggeeffamaa jiruun walqabatee, tarkaanfii humnaa mootummaan fudhataa jiruun lubbuun namoota 400 ol darbuu ibsame.

Leave a Comment

Recent Posts

  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Majlisni Wixineen Seeraa majlisni labsiin akka hundeeffamu gaafatu akka hin raggaasifamne gufachiisaa jiraatuu gabaafame

Ummanni Muslimaa waggoota 50 oliif Manni Marii Dhimmoota Islaamaa seeraan akka labsamu gaafataa jira. Wareegama…

4 hours ago
  • Eeshiyaa
  • Koroonaa
  • Odeeyfannoo

Sa’uudiin June 21/2020 booda uggura sochii ummataa irra kaahamee ture kaasuuf karoorfatte

Mootummaan Sa’uudii weerara vaayirasii koroonaa to’achuuf uggura sochii ummataa irra kaahee ture, xumura torbee kanaa…

13 hours ago
  • Koroonaa
  • Odeeyfannoo

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa qorannoo Dawaa Hydroxychloroquine irratti geggeessaa ture addaan kutuu beeksise

WHO’n kanaan dura Dawaan dhukkubaa Busaatiif oolu kan Hydroxychloroquine jedhamu, waldhaansa dhibee vaayirasii koroonaatiifis tahuu…

1 day ago
  • Afrikaa
  • Odeeyfannoo

Hidhattoonni Raashiyaan deeggaraman Liibiyaa lakkisanii bahuu gabaafame

Qondaaltonni Waraana Raashiyaa fi hidhattoonni 1200 ol maallaqaan bitamanii Liibiyaa keessatti garee Jeneraal Khaliifaa Haftaar…

1 day ago
  • Eeshiyaa
  • Odeeyfannoo

Muummichi ministeera Israa’el Yakka Malaamaltummaatiin himatamee mana murtiitti dhihaate

Muummichi ministeera Israa’el Benjaamin Netaaniyaahuu Yakka malaamaltummaa cimaa taheen himatamee Alhada har’a mana murtiitti kan…

2 days ago
  • Koroonaa
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Itoophiyaatti lakkoofsi Namoota COVID-19’n qabamanii 582 gahe

Itoophiyaan sa’aa 24’n dabre keessa namoota 4048 qorannoo COVID-19 kan goote yoo tahu, namoota 88…

2 days ago