header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

BREAKING: Prezdaantiin Aljeeriyaa Abdul’aziiz Butofliqaa taayitaa gad lakkisuuf kan qophaayaa jiru tahuu gabaafame

Prezdaant Abdul’aziiz Butofliqaa filannoo prezdaantummaa biyyattii  bara kanaa irartti kan dorgomu tahuu eega beeksisee booda, lammiileen Aljeeriyaa kumaatamaan lakkaahaman prezdaantichi filannoo ammaa kana irratti akka hin hirmaanee gaafachuun ji’a lamaan dabran keessa mormii cimaa geegeessaa turan.  Prezdaantichi jalqaba irratti yeroo shanaffaaf biyyattii hogganuu kan barbaadu tahuu ibsuun murtii isaa irratti cichee ture.

Haata’u malee mormii ummataa fi paartiilee mormitootaa irraa cimaa dhufe hordofuun prezdaantichi wal dorgommii keessaa kan bahe tahuu ibse. Dabalataanis filannoon biyyattii April 18/2019 geeggeeffamuuf karoorfamee ture, yeroo hin murtaayiniif kan dabre tahuu labse.

 

Labsiin prezdaantichaa garuu lammiilee biyyattii kan tasgabbeesse hin turre. Inumaayyuu qondaaltota waraana biyyattii dabalatee miseensonni paartii isaatis, Prezdaant Butofliqaan kana booda hujii mootummaa raawwachuuf dandeetti qaamaa fi fayyaa waan hin qabneef hatattamaan taayitaa gad lakkisuu qaba jechuun gaafii ummataa deeggaran.

 

Haaluma kanaan prezdaantichi yeroon taayitaa isaa osoo hin xumuraminiin duratti April 28, 2019 taayitaa gad lakkisuuf kan qophaayaa jiru tahuu miidiyaaleen biyyattii gabaasaa jiran.

 

Manguddoon waggaa 81 Abdul’aziiz Butofliqaa bara 1999 irraa eegalee waggaa 20 Aljeeriyaa kan hooggane yoo tahu, bara 2013 irraa jalqabee dhibee isa muudateen teessoo irraa ka’ee socho’uu hin dandayu.

 

 

 

 

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button