header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

BREAKING: Waraanni Suudaan prezdaant Umar Hasan Al-Bashiir taayitaa irraa buusuu gabaafame

Qondaaltonni waraana biyyattii sa’aa muraasa booda gama Televizhiina biyyoolessaatiin dhimmicha irratti ibsa kan kennan tahuu ejensiin odeeyfannoo biyyattii beeksise. Prezdaantichi fonqolchaan taayitaa irraa ari’amuu yookin ammoo fedhii isaatiin gad lakkisuu isaa ilaalchise hanga ammaatti wanti beekame hin jiru.

Waraanni mootummaa Suudaan ibsa waaree booda kenneen prezdaant Umar Al  Bashiir taayitaa irraa fonqolchuu beeksise

Ministeerri Ittisa biyyattii Jeneraal Ahmad Awad Ibni Awuf ibsa kenneen, prezdaantichaa fi kaabineen isaa too’annaa jala kan oolfaman tahuu ibsuun, biyyattiin waggoota lamaan itti aananiif hoggansa mana marii waraana biyyattii jala kan turtu tahuu labse. Dabalataanis daangaan qilleensa  biyyattii dabalatee buufataaleen galaanaa fi lafoo hundi guyyoota muraasaaf kan cufuman akka taheefi, labsiin yeroo muddamaa ji’a sadiif turu labsamuu beeksise.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button