header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Briteen Dipiloomaatota Ruusiyaa 23 biyya isiitii ari’uuf kan qophoofte tahuu beeksifte

Briteen haleellaa Summii basaasticha qara lamaa lammii Ruusiyaa tahe irratti raawwatameen  walqabatee, Dipiloomaatota Ruusiyaa 23 biyya isiitii ari’uuf kan qophoofte tahuu Muummittiin ministeeraa Briteen Terezaa Meey Arba’aa har’aa beeksifte. Miss Meey akka jettetti,  Dipiloomatoota lakkoofsa hanganaa Biriteen biyya isii keessaa kan ariitee waggoota 30 dura ture.

 

Miss Meey paarlaamaa Briteeniif haasaya gooteen, Ruusiyaan dabalataan rakkoo uumuuf kan sochootu yoo tahe, qabeenyi mootummaa Ruusiyaa UK keessatti argamu akka hin sochoone kan ugguramu akka tahee fi lakkoofsi Jila ganna dhufu Geeba Kubbaa miilaa Addunyaa irratti hirmaachuuf gara Ruusiyaa imalu kan hardhistu tahuu akeekkachiifte.

 

Biriiteen haleellaa Keemikaala Narvii basaaticha lammii Ruusiyaa Sargee Iskiriipaal irratti March4/2018 UK magaalaa Salisbury keessatti raawwatame, mootummaa Ruusiyaattu qindeesse jechuun yakkite. Mr  Sargee Iskiripal  Ruusiyaa fi Briteenii hujii basaasummaa hoojjaataa kan ture yoo tahu, yeroo ammaa isaa fi intalti isaa Kemikaala Narviitiin summaayanii  Hospitaala Briteen keessatti argaman.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button