Categories: Awrooppaa Odeeyfannoo

Briteen fi Gamtaan Awrooppaa adeemsa Briteen gamticha keessa baatuun ilaalchisee walii galtee haaraya irra gahuu beeksisan

Advertisements

Prezdaantiin Komishiinii Gamtaa Awrooppaa Jean-Claude Juncker ibsa kenneen, walii galteen ammaa kun gamni lamaanuu akka hin miidhamnetti kan qophaaye tahuu ibsuun, manni marii gamtaa Awrooppaa sanadii haarayatti qophaaye kana xiinxallee akka raggaasisu gaafate. Haaluma kanaan Sanadiin “Brix Deal” haarayatti qophaaye wal gahii mana marii gamtaa Awrooppaa har’a jalqabameef kan dhihaatu tahuu ibsame.

Haaluma wal fakkaatuun muummichi ministeera Briteen Boris Johnson bulchiini isaa gamticha waliin walii galtee haaraya irra gahuu mirkaneessee jira. Mr Johnson “Gamtaa Awrooppaa waliin waliigaltee haaraya fi faayidaa qabeessa tahe irra geennee jirra; Sabtii dhuftu Paarlaamaan Briteen walii galtee kana fudhatee mirkaneessuun dhimmicha goolabuu qabna;  kana booda dhimmoota cicciimoo furmaata barbaadan kanneen akka fayyaa, yakka biyyattii keessatti hammaataa dhufee fi rakkoolee birootiif furmaata kennuu irratti fuulleffatuu qabna” jedhe.

Kanaan dura Briteen dhimmoota diinagdee, hawaasummaa fi nageenyaa ilaachisee, Gamtaa Awrooppaa keessaa eega baatee booda hariiroon gamticha waliin qabaattu, maal tahuu akka qabu irratti Sanadii mootummaan Briteen qopheesse,  paarlaamaan biyyattti yeroo heddu kuffisuun ni  yaadatama.

View Comments

Recent Posts

  • Awrooppaa
  • Odeeyfannoo

Humni galaana Turkiyaa doonii dhaabbata qorannoo Israa’el Galaana Medtiraaniyaan keessaa baase

Dooniin dhaabbata boba’aa Israa’el tun, gara daangaa Cyprus seenuun galaana Meditraaniyaan keessatti hojii qorannoo barbaacha boba’aa irra kan turte yoo…

10 hours ago
  • Afrikaa
  • Odeeyfannoo

Prezdaantii Suudaan kan duraanii Umar Al-Bashiir irratti hidhaan waggaa lamaa murtaahe

Prezdaant Umar Hasan Al-Bashiir April dabre aangoo irraa eega fonqolchamee booda, malaamaltummaa fi seeraan ala maallaqa biyyoota biroo dhuunfachuun himatame…

1 day ago
  • Awrooppaa
  • Odeeyfannoo

Filannoo guyyaa kaleessaa Briteenitti geggeeffameen Paartiin Conservative injifate

Filannoo miseensota paarlaamaa ariifachiisaa kaleessa gaggeeffame kanaan, paartiin muummicha ministeeraa Boris Johnson kan biyyattii bulchaa jiru, teessoowwan 360 argachuun sagalee…

2 days ago
  • Afrikaa
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Lammileen Itoophiyaa Suudaan jiran “dararamaa jirra” jedhan

Lammileen Itoophiyaa biyya Suudaan magaalaa Kaartuum jiraatan sababa waraqaa jireenyaatiin walqabatee waraana biyyattiin qabamanii manneen hidhaatti kan darbatamaa jiran tahuu…

3 days ago
  • Afrikaa
  • Odeeyfannoo

Haleellaa buufata loltootaa Niijeer irratti raawwatameen loltoonni 71 ajjeefaman

Haleellaa buufata loltootaa lixa Niijeer irratti raawwatameen loltoonni mootummaa 71 ajjeeffamuu, 12 immoo madaa'uu fi akkasumas loltoota hedduu achi buuteen…

3 days ago
  • Awrooppaa
  • Odeeyfannoo

Lammiileen Briteen mana maree biyyattii keessatti bakka bu’oota isaanii filachuuf sagalee kennaa jiran

Ummatni Briteen bara 2016 Gamtaa Awrooppaa keessaa bahuuf rifarandamiin eega murteessee booda, mootummaan biyyattii adeemsa gamticha keessaa bahuu irratti walii…

3 days ago