header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Bulchiinsi Falasxiin Ambaasaaddara Ameerikaa irratti himannaa kan banu tahuu beeksise

Israa’elitti Ambaasaaddarri Ameerikaa David Freidman gaaffii fi deebisaa gaazexaa New York Times waliin godheen  “israa’el dachii Falasxiinotaa humnaan qabatte dhuunfachuu mirga qabdi”jedhe.

 

Kanuma hordofuun Waajjirri Ministeera haajaa alaa Falasxiin ibsa baaseen,  yaadni Ambaasaaddarichaa kun seera addunyaa kan cabse tahuu fi  akkasumas naannicha jeequmsa hamaa keessa kan galchuu waan taheef,  mana murtii addunyaa( ICC)’tti himachuuf kan qophaayaa jiru tahuu beeksise. Ibsi Bulchiinsa Falasxiin itti dabaluudhaanis,  dubbiin Ambaasaaddarichaa kun tarsiimoon Ameerikaan naannichatti hordoftu  Israa’eliif kan loogu tahuu ifatti kan agarsiisu jedhe.

 

Israa’el bara 1967 Falasxiin weeraruun Al-Quds dabalatee dachii Falasxiinotaa heddu humnaan kan qabatte yoo tahu, akka seera addunyaatti dachii humnaan qabamte dhuunfachuus tahee,  haala kamiinuu qabiyyee isii jijjiiruun dhoorkaadha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button