header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Bulchiinsi Falasxiin dhimmaa Al-Qudsi irraatti walgayiin ariifachiisaan akka waamamu gaafate.

Ministeerri haajaa alaa Falasxiin Riyaad Al-Malik, Dhaabbiileen Gamtaa Biyyoota Arabaa fi Gamtaan Biyyoota Islaamaa, dhimma Al-Qudsi irratti mari”achuuf walgahii hatattamaa akka yaaman kan gaafate tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.
Mootummaan Falasxiin gaafii kana kan dhiheesse, eega Prezdaantiin Ameerikaa Donaald Traamp, “Al-Quds/Jerusalem magaalaa guddoo Isra’eeliiti”, labsii jedhu qopheessaa jiraachuun isaa beekamee booda hogguu tahu, Riyaad Al-Malik dhimma kanarratti hooggantoota Gamtaa biyyoota Arabaafi Gamtaa biyyoota islaamaa waliin bibilaan kan haasawe tahuunis beekameera.  Bulchiinsi Falasxiin, Karoorri Donal Traamp kun mirga abbaa biyyummaa Ummata Falasxiin kan dhiibuu fi naannicha walitti bu’iinsa hamaa keessa kan seensisu akka ta’es akeekkachiiseera.
Haaluma walfakkaatuun Mootummaan Urduunis  haala walgahiin Ariifachiisaan kun itti waamamu irratti, marii kan jalqabe akka tahe gabaasni Rooyitarsirraa arganne ni mul’isa.

Donaald Traamp yeroo duula nafiladhaa adeemsisaa turetti, Prezdaantii tahee yoon filame Imbaasii Ameerikaa Telaaviiv irraa gara magaalaa Al-quds/Jerusalem deebisa jechuun isaa ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button