header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Bulchiinsi Falasxiin “Karoora Nageenyaa”Ameerikaan qopheessaa jirtu kan hin fudhanne tahuu beeksise

Ministeerri haajaa alaa Falasxiin Riyaad Al-Maliki wal gahii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti akka ibsetti, Ameerikaan maqaa “Wixinee Nageenyaa”qopheessuu jedhuun, karoora nageenya buusu osoo hin taane, wixinee Falasxiin harka kennachiisuuf karoorfame qopheessaa jirti jedhe. Mr Riyaad Al-Maliki akka jedhetti, Ameerikaan karoora kana galmaan gayuudhaaf maallaqa guddaa kennuuf kan socho’aa jirtu tahus, “Falasxiin maallaqaan hin gurguramtu”jechuun ijjannoo bulchiinsa isaa beeksise.

Riyaad Al-Maliki ibsa isa kanaan, Ameerikaan gocha hammeenyaa Israa’el guyyaa guyyaan Falasxiinota irratti raawwattu ilaalchisee, iyyannoo Falasxiinotaa ukkaamsuun Israa’eliin ammoo gama hundaan deeggaraa osoo jirtuu, gonkuma karoora nageenyaa loogii irraa bilisa tahe qopheessuu hin dandeettu jedhe. Al-Malikin itti dabaluudhaan, bulchiinsi Traamp seera addunyaa cabsuudhaan gaafa Al-Qudsi magaalaa guddoo Israa’el jechuun labse irraa jalqabee, bulchiinsa Falasxiinii fi ummata Falasxiin akkasumas addunyaa guutuu biratti qaama karoora nageenyaa qopheessu tahuu akka hin dandeenye mirkaneesse jechuun qeeqe.

Israa’el dachii Falasxiinotaa humnaan qabatte keessatti gochaa seeraan alaa raawwataa jirtu ilaalchisee, marii UN’tti geggeeffame kana Indoneezhiyaa, Kuweeyt fi Afrikaan Kibbaa gamtaan kan qopheessan yoo tahu, Ameerikaan gama isitiin qopheessitoonni wal gahichaa Israa’el irraa yaada fuudhuu dhabuun kan isii gaddisiise tahuu beeksiste.

Gama birootiin ammoo Israa’el haleellaa dhiheenya kana Gazzaa irratti jalqabde baatii Ramadaanaa keessas itti fufuun, Falasxiinota heddu kan galaaffatte tahuu odeeyfannoon arganne ni addeessa. Haaluma kanaan Israa’el haleellaa halkan edaa Gazzaa keessatti raawwatteen, dubartii ulfaa fi daa’ima tokko dabalatee yoo xiqqaate namoonni sadi kan ajjeeffaman tahuu ministeerri fayyaa Falasxiin beeksise.

FB_IMG_1557492419848

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button