header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Bulchiinsi Kurdistaaniifi mootummaan jiddu gala Iiraaq waraana walirratti banan.

Ji’a dabre keessa Rifarandamii Bulchiinsi kutaa kurdistaan geggeesseen, erga ummanni Kurdistaan irra caalaan Iiraaq irraa fottuquu filatee booda,  mootummaa jiddugalaa Iiraaq gar malee dallansiise. Haaluma kanaan Mootummaan Baghdaad, bulchiinsi Kurdistan dhaabbilee gurguddoo akka buufataalee Xayyaaraa gara mootummaa jiddu galaatti akka deebisu gaafatee ture. Haat’u malee Bulchiinsi Kurdistaan, mootummaan Iiraaq mirga lammiilee kurdistaan dhiiba jira jechuun, gaaffii kamiyyuu kan hin fudhanne ta’uu beeksise.
Haaluma kanaan mootummaan Iiraaq jalqaba torbaan dabree  keessa, Bulchiinsaa Kurdistaan irratti lola labseen naannoolee heddu to’annaa jala galfachuu beeksise. Naannoolee tokko tokkotti ammoo lolli cimaan kan geggeeffamaa jiru yoo ta’u, Iddoo Altoon Kurpii jedhamutti loltoota mootummaa Iiraaqii fi loltoota Kurdistaan kan Peshmergaa jedhaman jiddutti waraanni cimaan geggeeffamaa kan jiru tahuu gabaasni Aljaziiraa ni mul’isa.
Waraanni Mootummaa Iiraaq yeroo ammatti lafa to’annaa loltoota Kurdistaan jala turte, tan akk Magaalaa  Kirkuuk  to’annaa jala galfatuun isaa beekameera. Loltoonni Iiraaq waraana sa’aa 3f godhameen magaalaa dhuma tan Altun Kupri jedhamtu Sabtii  kaleessaa to’annaa jala galfate.
Rifarandamii Kurdistaan biyya walaba akka taatuuf geggeeffame san mootummaa Iiraaqiin alattis biyyoonni ollaa kannneen akka Turkiyaa, Iiraan, Urduunii fi Suuriyaan garmalee kan balaaleffatan yoo tahu, Israa’eel ammoo deeggaruun isii ni yaadatama.

https://hearthis.at/set/78882-8932196/embed/?hcolor=0088ff&autoplay=0&css=

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button