header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Iddoo Masjiidaa Fi Wiirtuun Islaamaa irratti ijaaramu Majliisa Finfinneetiif dabarsee kenne

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee lafa bal’ini isaa Isquweer Kaareemeetra kuma 30 tahe, kan Masjiidaa fi Wiirtuun Islaamaa guddaan irratti akka ijaaramuuf yaadame, guyyaa har’aa hoggantoota Majliisa Magaalaa Finfinnee fi Majliisa Federaalaatiif dabarsee kenne.

Iddoon amma hawaasa muslimaatiif kenname kun Gamtaa Afrikaa cinatti kan argamu yoo tahu, Masjiidaa Fi Wiirtuun Islaamaa irratti ijaaramuuf yaadame maqaa Malik Najjaashiitiin kan moggaafamu tahuu ibsame.

Sirna wal harkaa fuudhuu kanarratti Bulchiinsi magaalattii haaluma walfakkaatuun Masjiidotaa kanaan dura kaartaa qabiyyee hin qabneef, kaartaa qopheessuun kennee jira. Masjiidonni kunniin kutaalee Magaalattii torba keessaatti kan argaman yoo tahu; Itti aannaan Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Obbo Taakkalaa Uumaa Prezdaantii Majliisa Magaalaa Finfinnee Sheik Sulxaan Amaanitti kenne.

Masjiidonni Kaartaan qophaaheef kutaalee magaalaa Kolfee Qaraaniyoo kaartaa Masjiidota 33, Nifaasilk Laaftoo 12, Aqaaqii Qaallittii 6, Lidataa 3, Yakkaa 6, Boolee 5, Addis Katamaa 5, Qirqoos 1 waluma galatti Masjiidotaa 71’f Kaartaan kennamee jira.

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button