header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee lafa Masjiidaa Kaaree Meetra 4000 hawaasa muslimaatiif kenne

Itti aanaan Kantiibaa Magaalaa Finfinnee injinar Taakkalaa Uumaa guyyaa hardhaa naannawa Labuu iddoo Vaarneeroo jedhamu dhaquun,  bakka masjiidni Aliif dheengadda irraa diiggametti hawaasa muslimaa waliin kan mari’ate yoo tahu, Masjiidichi shira namoota muraasaatiin qajeelfama bulchasa magaalattii cabsuun kan diigame tahuu ibse.

Obbo Taakkalaan akka jedhetti,  namoonni bulchiinsa magaalaa  hawaasa muslimaatiin walitti buusuuf shira kana xaxan hujii irraa ugguramanii kan qoratamaa jiran yoo tahu, bulchiinsi magaalaa Finfinnee ammoo  masjiidni Aliif hatattamaan deebi’ee akka ijaaramu murteessuun,  lafti bal’aan Kaaree Meetra 4000 hawaasa muslimaa naannichaatiif kan kenname tahuu hime.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button