header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Bulchiinsi Traamp ammas loltoota dabalataa 1500 gara Baha Jiddu Galaa erguuf murteesse

Ameerikaan torbaan lamaan dabran keessa Markabootaa fi xiyyaarota waraanaa akkasumas loltoota hedduu gara naannichaatti erguu isii gabaafamee ture. Ammas prezdaant Traamp loltoonni 1500 dabalataan gara naannichaatti erguuf kan murteesse tahuu CNN gaabase.

 

Gabaasa kana hordofuun ministeerri haajaa Alaa Iiraan Javaad Zaarif Sabtii har’aa ibsa kenneen, Ameerikaan waraana dabalataa gara naannichatti erguun isii, nageenya naannichaa booressuun alatti bu’aa tokkollee hin qabu jedhe. Zaarif itti dabaluudhaanis, “biyyoonni addunyaa Ameerikaan sochii hamaa kana hatattamaan akka dhaabdu godhuu yoo hin dandayin,  Traamp addunyaa guutuu balaa keessa galchaa jira”jechuun akeekkachiise.

 

Khamiisa dabre Prezdaantiin Iraan Hasan Ruhaanii, Ameerikaan meeshaalee biyyi isaa ala irraa galchitu ugguruu yoo kan itti fuftu tahe, Iraan Sulula galaana Hormuz kan cuftu tahuu hime. Akeekkichiisa kana hordofuun Traamp fuula Twitter isaa irratti, “Iraan gocha hamaa akkasii keessa kan galtu yoo tahe, tarkaanfiin Ameerikaan Iraan irratti fudhattu ammoo kan seenaa addunyaa keessatti kanaan dura hin mul’atin taha”jedhe.

Ameerikaa Iraan

One Comment

  1. Rabbiin Waan gaarii nu haa dhageessisu.
    mootummoota jallattuu akkuma Woyyaanee dhabama godhetti addunyaa hundarraa dhaba haa godhu Inshaa’Allaah

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button