header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Bulchiinsi Traamp teeknolojii Niwukilarii waraanaa Sa’uudii gurguruuf kan yaalaa jiru tahuu gabaafame

Kongirasii Ameerikaatti koreen too’annaa Niwukilarii gabaasa mana marichaatiif dhiheesseen akka jedhetti, bulchiinsi Traamp teeknolojii oomisha Niwukilarii Sa’uudii gurguruuf dhoksaan kan hojjataa jiru tahuu ibse. Akka gabaasa kanaatti qondaaltonni bulchiinsa Traamp ol’aanoon teeknolojii Niwukilarii karaa seeraan ala taheen Sa’uudiif dabarsanii gurguruudhaaf carraaqqii kan godhaa jiran yoo tahu, kaampaaniwwan Ameerikaa humna Niwukilarii ijaaranis Sa’uudii keessatti dhaabbiilee Niwukilaarii ijaaruuf hayyamni akka kennamuuf Waayithaawus kan gaafataa jiran tahuun beekamee jira.

 

Akka seera Ameerikaatti  mootummaan teknoolojii Niwukilarii biyya birootiif dabarsee kennuudhaaf deeggarsa kongirasii argachuu kan qabu tahus, adeemsi bulchiinsi Traamp garuu seeraan alaa fi kan malaamaltummaaf saaxilame tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button