header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Eeshiyaa

Buufata boba’aa gurguddaa mootummaa Sa’uudii lama irratti haleellaan raawwatame

Kampaaniiwwaan booba’aa gurguddaan Sa’uudii Alba’iiq fi Kuriyaas ibiddaan gubamuu fi balaan ibiddaa ture tohatamuu dubbi himaan ministera dhimma biyya keessaa mootummaa Sa’uudii Miidiyaalee biyyattiif ibse, hata’uu malee Ka’umsa balaa kanaa ilaalchisee ibsi mootummaa Sa’uudii irraa Keenname kan hin jire yoo tahu, gareen finciltoota Huusii Yaman Kampaaniwwan lamaan irratti haleellaa Dirooniiwwan(Xayyaara nama maleeyyii) kudhaniin raawwatuu fi haleellaa kana itti gaafatamummaa fudhatu gabaafame.

Dubbi himaan garee Finciltoota Huusii Yahya Sarii “Haleellaan kun, haleellaa xiyyaaraan lammilee keenya irratti waggoota shaniif raawwatamaa jiru haaloo bahuuf raawwatameedha”jedhe.

Hanga har’aa kanallee gahuu baatu; gareen finciltoota Huusii mootummaa Iiraaniin deeggaramu kun yeroo adda addaatti Sa’uudii irratti haleellaa Diroonii raawwatee jira.

Dubbi himaan gamtaa waraana Arabaa mootummaa Sa’uudiin durfamu Koloneel Turki al Maliikii “Haleellaan kun garee shoorarkeessitoota Huusiin raawwatamuu fi dhiisuu qorannaa irra jirraa”jedhe.

Waraanni gamtaa Arabaa mootummaa Sa’uudiin durfamu bara 2015 irraa kaasee mootummaa Yaman deggaruun Yamanitti finciltoota Huusii waliin lola gaggeessaa jira. Lola kanaan yoo diqqaate lubbuun lammilee 10,000 olii galaafatamuu gabaasni dhaabbata mootummoota gamtoomanii irraa bahe ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button