header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Carraan Kondomiiniyemii bulchiinsi magaalaa Finfinnee har’a baase mormii cimaa kaase

Naannoo Oromiyaa magaalota gara garaa keessatti ummanni, daangaa bulchiinsa magaalaa Finfinneetiin alatti kondomiiniyeemota ijaaraman irratti bulchiinsi magaalaa Finfinnee carraa baase mormuun hiriira nagayaa geggeessan. Kanaan duras mootummaan maqaa misoomaatiin qotee bultoota naannawa magaalaa Finfinneetti argaman lafa isaanii irraa buqqisuu hordofuun, mormiin ummataa kan ka’e tahuu ni yaadatama. Haata’u malee jijjiirama siyaasaa biyyattii keessatti mul’ateen dhimmichi  furmaata ni argata jedhamee eegamus, ammas miidhan qotee bultoota irra gahaa jiraatuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee har’a waaree booda Hoteela Kontineentaalitti  manneen Kondomiiniyemii lafa qotee bultoonni irraa buqqifaman irratti ijaaraman 51,229 tahan carraa kan baase yoo tahu, maneen kana jidduu immoo muraasa qotee bultoota lafa isaanii irraa buqqifamaniif osoo carraa hin kaasin kan keenne tahuu ibse.

 

Itti aanaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Injinar Takkallee Ummaa sirna carraa baasuu kana irratti haasaya godheen, “qonnaan bultootaa fi ilmaan isaanii sababii misoomaatiin buqqa’aniif carraan dursa kennamee jira” jedhe.

 

Aktiivistii fi Daayrektarri Oromiyaa Miidiyaa Network Obbo Jawaar Muhammad immoo barreeffama fula fesbuka isaa irratti maxxanseen, Carraan manneen  Kondomiiniyemii hardha bahee seeraan ala fi ijaarsi manneen saniitu seeraan ala tahuu ibsuun, ummanni mirga isaatiif akka falmu waamicha dabarse.

6 Comments

  1. Aswrb Akkam jirtan warra nuural hudaa hundi keessan jazaakallaahu keeyraa olomaa’ota keenyah hundaa Rabbiin jazaakeeyrii isiniihaadeebi’u

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button