header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Chaayinaa fi Raashiyaan Konfiransii Diinagdee Baha Jiddu Galaa Ameerikaan qopheessaa jirtu irratti kan hin hirmaanne tahuu beeksisan

Ameerikaan Konfiraansii Diinagdee Baha Jiddu Galaa irratti xiyyeeffatu June 25-26/2019 Bahreeyn magaalaa Manamaa keessatti geggeessuuf kan qophaayaa jirtu yoo tahu, Chaayinaan fi Raashiyaan konfiransii kana irratti kan hin hirmaanne tahuu beeksisan.

 

Ejensiin odeeyfannoo Falasxiin akka gabaasetti, Falasxiinitti Ambaasaaddarri Chaayinaa Guo Wei Raamallaah keessatti qondaaltota Bulchiinsa Falasxiin waliin eega mari’atee boda yaada kenneen, “Raashiyaa fi Chaayinaan dhimma Falasxiin irratti walii galtee kanaan dura qaban irratti hundaayuun, biyyoonni lamaan Konfiransii fedhii Falasxiinotaa irratti hin hundaayin kana irrattis hin hirmaatan”jechuun hime.

 

Bulchiinsi Falasxiin konfiransichi karoora Ameerikaan maqaa nageenyaatiin dachii Falasxiin guututti Israa’elii mirkaneessuuf itti qophaayaa jirtu jechuun balaaleffataa jiran. Qondaalli olaanaan bulchiinsa Falasxiin Saa’ib Erkaat ibsa torbee dabre kenneen, “fedhii Israa’el hunda guutuuf jecha dhiibbaa hamaa Ameerikaan Falasxiin irratti geggeessaa jirtuun wal qabatee bulchiinsi Falasxiin Konfiraansii kana irratti gonkumaa hin hirmaatu”jechuun ejjannoo Falasxiinotaa ifa godhe.

 

Hanga ammaatti Bahreeyn dabalatee Sa’uudii fi Emreets konfiransii Ameerikaan qophaaye kana irratti kan hirmaatan tahuu mirkaneessanii jiru.

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button