header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooSaayinsiif Teknoolojii

Chaayinaan Saatalaayitii akka addeessaa halkan iftu gara hawaatti erguuf qophaayaa jirti

Chaayinaan saatalaayitii ifa aduu irraa argatu akka addeessaa deebisee calaqqisuu danda’u kan hojjataa jirtu yoo tahu, waggaa lama booda gara hawaatti ergitee ifaa daandiwwan magaalotaa addeessa namtolchee (artificial moon)  kanaan bakka buusuuf kan karoorfatte tahuu beeksifte. Miidiyaaleen mootummaa Chaayinaa akka gabaasanitti, projektiin kun  magaalaa Chengdu jedhamtu tan Kibba Lixa biyyattii keessatti argamtuuf kan karoorfame yoo tahu, yaaliin jalqabaa kun yoo milkaaye Chaayinaan guutuu biyyattii keessatti  ibsaa daandiiwwanii addeessa saatalaayitii kanaan bakka buusuudhaaf karoorfatte.

 

Saatalayitiin  tun ifa aduu irraa argattu fayyadamuun ifa addeessa uumamaa harka saddeetiin caalu kan calaqistu akka tahee fi karoorri kun yoo milkaahe magaalaan Chengdu waggatti baasii ibsaa daandii irraa doolara miiliyoona 170 kan hambistu tahuu gabaasni argame ni ibsa. Dabalataanis ibsaan Saatalaayitii tana irraa argamu balaa halkan naannawa elektirikiin hin dhaqqabne iddoowwan akka galaana irraa fi bosona  keessatti muudatu baraaruuf kan fayyadu tahuu gabaafame. Chaayinaan Bara 2022 ammoo Saatalaayitii akkanaa sadi gara hawwaatti erguudhaaf hojjataa jirti.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button