header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

COVID-19 UPDATE June 4, 2020

Ityoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota Vaayirasii koroonaatiin qabamuu mirkanaahee 1,636 gahe
Ministeerri Fayyaa ibsa Khamiisa har’aa baaseen, qorannoo laabiraatoorii sa’aatii 24 darban keessatti namoota 4,141 irratti geggeeffameen, namoota 150 irratti vaayirasiin Koroonaa argamuu beeksise.
Namoonni vaayirasichi irratti argame dhiira 94 fi dubartii 56 yoo ta’an, namoonni 147 lammiilee Ityoophiyaa, namoonni 3 ammoo lammiilee biyya biroo tahuu ibsame.

Namoota kanneen jidduu 123 jiraattota magaalaa Finfinnee, namni 2 naannoo Tigraay, namni 6 naannoo Somaalee, namni 1 naannoo Affaar, 2 naannoo Oromiyaa,namni 3 naannoo Kibbaa irraa yoo tahan, 13 ammoo jiraattota naannoo Amaaraa tahuu ibsi ministeerichaa ni addeessa.

Haaluma kanaan Ityoophiyaa keessatti baay’inni namoota Vaayirasii Koronaatiin qabamanii 1,486 kan gahe yoo ta’u, walumaagalatti namoonni 250 ammoo dhibee kanarraa fayyuu ibsame.
Dabalataanis ministeerri Fayyaa ibsa har’a baase kanaan, namni tokko du’uu beeksise. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaatiin du’anii 18 gahee jira.
Ministeerichi akka jedhutti, Vaayirasichi hawaasa keessatti saffisaan babal’ataa jiraatuu ragaalee laabraatorii dhiheenya kanaa irraa hubatuun kan danda’amu akka taheefi, keessumattuu torbee lamaan dabran keessa lakkoofsi namoota vaayirasichi irratti argamee, kan ji’oota lamaan dabranii waliin wal biratti yoo madaalamu 300% kan caalu tahuu beeksise.

Covid update 04

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button