header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

COVID-19 UPDATE JUNE 5, 2020

Ministeerri Fayyaa Sa’aa 24 dabre keessa qoronnoo geggeefameen namoota 169 irratti vaayirasiin koroonaa argamuu beeksise
Ministeerri Fayyaa ibsa Wixata har’aa baaseen, qorannoo laabiraatoorii sa’aatii 24 darban keessatti namoota 5,798 irratti geggeeffameen, namoota 169 irratti vaayirasiin Koroonaa argamuu beeksise.
Namoonni vaayirasichi irratti argame dhiira 111 fi dubartii 58 yoo ta’an, namoonni 168 lammiilee Ityoophiyaa, namni tokkoo ammoo lammii Ameerikaa tahuu ibsame.

Namoota kanneen jidduu 138 jiraattota magaalaa Finfinnee, 5 naannoo Somaalee, 4 naannoo Tigiraay, 6 naannoo Amaaraa, 4 naannoo Kibbaa, 11 naannoo Oromiyaa yoo tahan, namni tokko ammoo naannoo Hararii tahuu ibsi ministeerichaa ni addeessa.

Haaluma kanaan Ityoophiyaa keessatti baay’inni namoota Vaayirasii Koronaatiin qabamanii 1,805 kan gahe yoo ta’u, namoonni 262 ammoo dhibee kanarraa fayyuu ibsame.

Dabalataanis ministeerri Fayyaa ibsa har’a baase kanaan, namni tokko du’uu ibse. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaatiin du’anii 19 gahee jira.

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button