header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

COVID-19 UPDATES June 10, 2020

Ityoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasii koroonaatiin qabamuu mirkanaahe 2,506 gahe

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa ibsa har’a baaseen, sa’aatii 24 darbe keessatti qorannoo laabratoorii 6,187 geggeesseen, nama 170 irratti vaayirasiin koroonaa argamuu beeksise. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota vayirasichaan qabamuu mirkanaayee 2,506 gahee jira.

Namoota kanneen jidduu 93 dhiira; 77 ammoo dubartoota akka tahaniifi, umriin isaanii ammoo 2-115 tahuu ibsame. Namoonni vaayirasichi irratti argame hundinuu lammiilee Ityoophiyaati.
Iddoon jireenna namoota kanneenii ammoo 81 jiraattota magaalaa Finfinnee, 57 naannoo Somaalee irraa, 7 naannoo Tigraay irraa, 7 nannoo Oromiyaa yoo tahan, namni sadi nannoo Hararii lama ammoo naannoo Kibbaa irraa tahuu ibsi ministeerichaa ni addeessa.

Dabalataanis lakkoofsi namoota dhibee kana irraa bayyanataniitis 401 gahee jira. Gama biraatiin ammoo manguddoo umrii 115 tokko dabalatee namoonni sadi eega du’nii booda qorannoo godhameen dhibeen vaayirasii koroonaa kan irratti argame akka taheefi, haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaan du’anii 35 gahuu ibsame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button