header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

COVID-19 UPDATES June 20, 2020

Ityoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasii koroonaatiin qabamuu mirkanaahe 4,469 gahe

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa ibsa har’a baaseen, sa’aatii 24 darbe keessatti qorannoo laabratoorii 4,848 geggeesseen, nama 399 irratti vaayirasiin koroonaa argamuu beeksise. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota vayirasichaan qabamuu mirkanaayee 4,469 gahee jira.

Namoota kanneen jidduu 195 dhiira; 204 ammoo dubartoota akka tahaniifi, umriin isaanii ammoo 4-85 tahuu ibsame. Namoonni 398 lammiilee Ityoophiyaa yoo tahan, 1 ammoo lammii biyya biroo tahuu gabaafame.
Iddoon jireenna namoota kanneenii ammoo 86 jiraattota magaalaa Finfinnee, 18 naannoo Amaaraa, 14 Magaalaa Dirree Dhawaa irraa, 9 naannoo Oromiyaa irraa, 2 nannoo Tigraay yoo tahan, namni 1 nannoo Soomalee, tokko, Gaambellaa akkasuma tokko ammoo naannoo Kibbaa irraa tahuu ibsi ministeerichaa ni addeessa. Dabalataanis 135 Vaayirasichi irratti argame kanneen University Siviil Sarviisii keessatti hordoffiin godhamaafii ture yoo tahan, 132 ammoo iddoo qubsiisa addaa Dawwaallee fi Galiilee namoota turan jidduu tahuu ibsame.

Gama biraatiin ammoo lakkoofsi namoota dhibee kana irraa bayyanataniitis 1122 akka gaheefi lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaa du’anii ammoo 72 gahuu gabaasichi ni mullisa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button