header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

COVID-19 UPDATES June 21, 2020

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota COVID-19 qabamanii 4532 gahe

Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa qorannoo COVID-19 sa’aa 24’n dabre keessa namoota 4457’f taasifame jidduu, namoonni faalaman 63 argamu beeksise. Haaluma kanaan walumaagalatti lakkoofsi namoota biyyatti keessatti qabamanii 4532 gahuu ibsame.
Ministirri Fayyaa Dr Liyaa Taaddasaa namoonni qabaman kunniin hunduu lammiilee Itoophiyaa umriin isaanii waggaa 14 hanga 76 gidduu jiruudha jeette.

Akkasumas namoota hardha qabaman keessaa 31 magaalaa Finfinnee irraa, sagala naannoo Somaalee, shan Oromiyaa, afur Dirree Dhawaa, afur Affaar, sadi naannoo Amaaraa, sadi Gambeela, lama naannoo Uummattoota Kibbaa, tokko naannoo Tigraay fi tokko naannoo Hararii irraa tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Gama biraatiin sa’aa 24’n dabre keessaatti namoonni lama dhibee kanaan du’uu fi namoonni 91 immoo kan bayyanatan yoo tahu, walumaagalatti lakkoofsi namoota du’aanii 74, akkasumas kan bayyanatan immoo 1213 gahuu gabaafame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button