Odeeyfannoo

COVID-19 UPDATES June 29, 2020

Ministeerri Fayyaa Sa’aa 24 dabre keessa qoronnoo geggeefameen namoota 157 irratti vaayirasiin koroonaa argamuu beeksise

Ministeerri Fayyaa ibsa Wixata har’aa baaseen, qorannoo laabiraatoorii sa’aatii 24 darban keessatti namoota 3,693 irratti geggeeffameen, namoota 157 irratti vaayirasiin Koroonaa argamuu beeksise.

Namoonni vaayirasichi irratti argame dhiira 97 fi dubartoota 60 yoo ta’an, namoonni 156 lammiilee Ityoophiyaa, 1 ammoo lammii biyya biroo tahuu ibsame.

Namoota kanneen jidduu 132 jiraattota magaalaa Finfinnee,5 naannoo Amaaraa, namoonni 5 magaalaa Dirree Dhawaa irraa, 5 jiraattota naannoo Affaar, 3 naannoo Somaalee, 3 ammoo naannoo Tigraay kanneen biroo 3 naannoo Oromiyaa irraa yoo tahan, namni tokko ammoo jiraataa naannoo Benshangul Gumuz tahuu ibsi ministeerichaa ni addeessa.

Haaluma kanaan Ityoophiyaa keessatti baay’inni namoota Vaayirasii Koronaatiin qabamanii 5,846 kan gahe yoo ta’u, namoonni 2,430 ammoo dhibee kanarraa fayyuu ibsame.
Dabalataanis ministeerri Fayyaa ibsa har’a baase kanaan, reeffa namoota mannee yaalaa gara garaa keessatti du’an irratti qorannoo geggeefameen, namoonni 4 vayirasichaan qabamanii akka turanii fi akkasumas namni vaayirasichaan qabamee yaala irra ture tokkos du’uu beeksise. Haalum akanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaatiin du’anii 103 gahuu beeksise.

Tags
Show More

...

Back to top button
Close
Close