KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

COVID-19 UPDATES June 8, 2020

Ityoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasii koroonaatiin qabamuu mirkanaahe 2,156 gahe

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa ibsa har’a baaseen, sa’aatii 24 darbe keessatti qorannoo laabratoorii 4,775 geggeesseen, nama 136 irratti vaayirasiin koroonaa argamuu beeksise. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota vayirasichaan qabamuu mirkanaayee 2,156 gahee jira.

Namoota kanneen jidduu 85 dhiira; 51 ammoo dubartoota akka tahaniifi, umriin isaanii ammoo 1-97 tahuu ibsame. Namoonni 124 lammiilee Ityoophiyaa yoo tahan, 12 ammoo lammiilee biyyoota biroo tahuu gabaafame.
Iddoon jireenna namoota kanneenii ammoo 115 jiraattota magaalaa Finfinnee, 2 naannoo Somaalee irraa, 7 naannoo Tigraay irraa, 9 nannoo Oromiyaa yoo tahan, namni lama nannoo Hararii tokko ammoo naannoo Kibbaa irraa tahuu ibsi ministeerichaa ni addeessa.

Dabalataanis lakkoofsi namoota dhibee kana irraa bayyanataniitis 361 gahee jira.

Show More

...

Back to top button