header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannoo

COVID_19 fi Sirna Hajjii bara 2020

Imalli Hajjii utubaa Islaamaa shanan jidduu tokko yoo ta’u, nama muslimaa humna ( qabeenya raawwachuuf isa gahu qabu) mara irratti jireenya isaa keessaatti yeroo tokko imalli Hajjii dirqama.

Bara 2019’tti muslimoota miliyoona 2.1 lakkaawamantu sirna Hajjii raawwatuuf gara magaalaa Kabajamtuu Makkaatti imale. Bara kana immoo sababa dhibee COVID_19 hordofuun, muslimoonni kutaa Addunyaa irraa garasitti akka hin imale uggurameera, Akkasumas muslimoota Sa’uudii keessatti argaman lakkoofsaan 10,000 hin geenye qofaafi hayyamame.

Haaluma kanaan Sirna Hajjii bara kanaa arba’aa dabre jalqabame irratti, muslimoota Sa’uudii keessatti argaman kan lakkoofsaan 10,000 hin caale qofaatu irratti hirmaatte.

Suuraawwan Sirna Hajjii bara 2020

Masjid Al Haram
Hojjatoonni tatamsaa’a dhibee COVID_19 To’achuuf masjidal Haraam yeroo qulqulleessan

 

Hajjii 2020 imaltota
Muslimoota kutaa biyyaattii garagaraa irraa sirna Hajjii irratti hirmaataniif Buufata xayyaara Maliik Abdulaziiziitti ogeeyyota fayyan qorannoon COVID_19 yeroo taasifamu

 

Hajjii 2020 3
Hujjaajjonni Buufata Xayyaara Maliik Abdul Aziiz irraa fageenya isaanii eeggatanii ta’un konkolaataa yoo deeman

 

Hajjii 4
June 29,2020 huccuun ka’aabaa yoo jijjiramu

 

Xaawaaf
Muslimooni lakkoofsaan muraasa fageenya isaanii eeggachuun ka’abaa yoo xawaafaan

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button