header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Daaqon Daan’eel Kibrat gara Tripoolii imaluun qondoltota mootumma Liibiyaa waliin mari’ate

Qondaala Ol’aanaan waajjira muummicha ministeeraa kan tahe Daaqon Daan’eel Kibrat, Alhada dabre jila mootummaa Ityoophiyaa hogganee gara Liibiyaa imaluun qondaaltota biyyattii waliin kan mari’ate tahuu gabaafame. Weebsayitiin The Libya Observer jedhamu akka gabaasetti, Daaqon Daan’eel ministeera haajaa alaa Liibiyaa Mohammad Sayyala waliin, haala hariiroo biyyoota lamaanii cimsuun danda’amuu fi dhimma nageenya Liibiyaa irratti kan mari’ate tahuu gabaase.

Gama biraatiin ammo hawaasni muslimaa hiriira guutuu Ityoophiyaa keessatti geggeessaa jiruun, gocha shororkeessitoonni nannoo Amaaraa masjiidotaa fi qabeenyaa hawaasa muslimaa irratti raawwataniifi, akkasumas jibbiinsa Islaamummaa biyyattii keessatti bal’ataa dhufeef, ololli Daqoon Dani’eel Kibrat hawaasa muslimaa irratti yeroo gara garaa ifatti geggeessaa ture gahee guddaa qabaachuu ibsaa jira.
Muummichi ministeeraa nama jibbiinsa Islaamummaa geggeessu angoo mootummaa irraa akka kaasu yeroo ummanni gaafataa jiru kanatti, dhimma nageenyaa irratti akka mari’atuuf gara biyya Islaamaatti erguun isaa aja’ibsiisaa tahee jira.

Haleellaa guyyaa 10 dura nannoo Amaaraatti raawwatame ilaalchisee mootummaan Federaalaa fi Naannichaa hanga ammaatti ibsa tokkollee kennuu dhabuun, hawaasa muslimaa daranuu kan dallansiisaa jiru tahuus odeeyfannoon arganne ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button