Dallansuu Toohachuu

Qophii: Abu Ibtisaam

Amala ilmi namaa waliin uumame keessaa inni tokko dallansuudha. Dallansuun firummaa kutti, fayyyaa nama dhoorgiti, qabeenya namaa keessaa barakaa fuuti. Kanaaf Sheeyxaanni ilma namaa dallansiisuu dalagaa ijoo godhatee socho’a. Islaamummaanis ammoo ilmi namaa dallansuu ofii akka too’atu barsiisa. Namni tokko yeroo dallanu, waan godhu hunda keeysatti if hin yaadatu. Eega dubbiin adda galteen booda gaabbiin quba if nyaatuu eegala. dallansuun rakkoo hin qabu, garuu dallansuu keesa daangaa dabrinee, namas birootis miinee ifiifis akka hin miidhamne if eeguu qabna.

Yeroo tokko Alii ibn Abu xaalib (RA) dirree waraanaa irratti diinaan wal lolaa ture. Aliyyi (RA) nama san moohatee lafaan dhage. Namichi moohatame kun bakkuma ciisuu fuula Alii irratti ol tufe. Aliinis yeroo kana namicha dhiisee irraa ka’e. gochi Aliyyii kun namicha Ajaa’iba itti tahe, “Na ajjeesuu qabdaayyu bar, maaliif na dhiifte?” jedhee gaafate. Aliinis, “An si wajjiin rakkoo dhuunfaa hin qabu. Wanti dirree waraanaa kana dhufee isiniin wal lolaa jiruuf, waan isin Rabbitti kafartaniifi. An Rabbiif jecha isiniin lole. Eega ati fuulatti  na tufteen booda osoo si ajjeesee, waan sitti dallaneef haaloo bahachuuf si ajjeese jechuudha. Waan kana ammoo hin barbaadu” jedhee deebisee. Aliin yeroo namichi fuulatti  tufe san heddu dallanee jira. Haa ta’u malee, dallansuu isaa san toohatee, irraa deebi’e.

Yeroo tokko Ergamaan Rabbii ﷺ, “nama jabaa jechuun nama akkamiiti?” jedhanii Sahaabota gaafatan. Sahaabonnis, “Nama humna akkanaa qabu. Nama nama moohatuu danda’u” jechuudhaa jedhanii deebisan. Rasuulli ﷺ ammoo, “Jabaan isaa miti, nama jabaa jechuun, yeroo dallanetti nama aarii ofii toohate” jedhanii deebisaniif. Nutis gaa  yeroo dubbii tanarraa waan guddoo laallachuu qabna. Yeroo dallanne  akkam akka gochuu qabnu, seenaa Ergamaa Allaah ﷺ fi sahaabotaa keessa laaluun of leenjisuun barbaachisaa dha. Namni haga Rasuulaa ﷺ hiraarfame hin jiru. Haa ta’u malee dallansuu rakkoo saniin isaan mudattu, hunda moohataa sadarkaa guddaa irra gahuu danda’anii jiru.

Ergamaan Rabbii ﷺ yeroo daangaan Rabbii darbamu qofa dallanan. Yeroo haqni Rabbii jallifamu qofa dallanan. Dallansuun akkanaa tun heeyyamamtuu dha. Rasuulli ﷺ imaama namoota irratti salaata dheeressaa, namota masjiidaa ari’utti dallanan, gaafii jibbamaa ta’e nama gaafatu yoo argan ni dallanan. Yeroo dallanan kanas, dubbii hamtuu namatti hin dubbatan, nama arrabsanii hamilee namaatis hin cabsan. Yeroo waan takkatti dallanan, wanti sun sirrii akka hin taane qofa nama sanitti himan. Dallansuu isaaniitis nama sirritti isaan beeku qofatu fuula isaanii irraa arga. Yeroo dallanan fuulli isaanii ni diimata. Yeroo hundaa Rasuulli  ﷺNama isaan dallansiise san, itti dubbachuudhaan duratti dallansuu ofirraa tasgabbeessan.

Dallansuu toohachuun, mallattoo qajeellumaati. Nama qajeeleef ammoo jannatni waadaa galamee jira. Rabbiin Qur’aana keessatti akkan jedha:

۞وَسَارِعُوٓاْ إِلَىٰ مَغۡفِرَةٖ مِّن رَّبِّكُمۡ وَجَنَّةٍ عَرۡضُهَا ٱلسَّمَٰوَٰتُ وَٱلۡأَرۡضُ أُعِدَّتۡ لِلۡمُتَّقِينَ ١٣٣ٱلَّذِينَ يُنفِقُونَ فِي ٱلسَّرَّآءِ وَٱلضَّرَّآءِ وَٱلۡكَٰظِمِينَ ٱلۡغَيۡظَ وَٱلۡعَافِينَ عَنِ ٱلنَّاسِۗ وَٱللَّهُ يُحِبُّ ٱلۡمُحۡسِنِينَ ١٣٤

Gara araarama gooftaa keessan irraa ta’ee fi gara jannata warra Rabbiin sodaataniif qophooftee kan bal’inni ishee akka samii fi dachii taateetti ariiifadhaa. (Isaan) warra yeroo gammachuu fi gaddaa arjooman; kan dallansuu liqimsanii fi namootaaf dhiifama godhamii dha. Rabbiinsi toltuu hojjattoota ni jaalata. (Aali Imraan 133-134)

Ammaan tana Islaamummaan babal’atee dachii hunda wal gahaa jira. Kun ammoo adawwii Islaamaa biratti waan jaalatamuu miti. Kanaaf warri kun haga danda’aniin nu dallansiisaa, waan nuti yeroo dallannu goonu miidiyaan facaasaa islaamummaa maqaa xureessuuf carraaqqii godhutti jiru. Nuti muslimoonni ammoo wantoota akkanaa yoo agarru obsuun barbaachisaa dha. Kaafirri yoomiyyuu harka nurraa hin kaafanne. Yoo fedhan Rasuula Rahmataa ergamaa keenya kan nuti lubbuu teenya caalaa jaalannu ﷺ nu jalaa Arrabsan. Fidaaka Abii wa ummii yaa Rasuulullaah.
Yeroo garii ammoo Qur’aana cicciraa sagaraa keeysatti darban. Karaalee adda addaa fayyadamuudhaan nu dallansiisuuf yaalii godhan. Isaan dallansuu keenya fedhan. Nutis yeroo dallannu obsaan if qabuu dadhabnee akka isaan fedhan taaneefii isaan gargaarutti jirra. Karaa isaan nuu fedhan irra deemuu hin qabnu. Yero isaan ergamaa keenya arrabsan, Isaan ﷺ nama akkamii akka ta’an ummata bal’atti himaa nama barsiisuun gaariidha. Yeroo Qur’aana arrabsanis, mu’jizaalee qur’aana keessa jiran, barsiisaa ummata gara diin islaamaa waamuutu nurraa eeggama. Yeroo Qur’aanaa fi Ergamaan keenya arrabsaman dallanuu hin qabnu jechuu miti, dallansuu san garuu, rakkoo ittiin uumuuf osoo hin taane, nama ittiin qajeelchuuf fayyadamuu qabna.

Akkuma dura dubbanne, dallansuun jireenyaa fi walitti dhufeenya ilma namaa balleessiti. Malli aarii qalbii keenya keessaa guutumaan guututti ittiin balleessinu hin jiru. Islaamummaan garuu akkaataa dallansuu kana ittiin too’achuu fi moo’achuu dandeenyuun nu barsiisee jira. Ergamaan Rabbii ﷺ “isin keessaa namni tokko yoo dallane, yeroo sanitti dhaabbataa yoo jiraate haa taa’u, yoo taa’aa jiraate ammoo haa ciisu” jedhan. Hadiisa biraa keessatti ammoo wuduu’a akka goonuu fi sunnaa akka sallaannu nu barsiisani jira. Kanaafuu yeroo dallannutti gara arrabaa fi ulee fiiguu keenyaan duratti;  wantoota kanniin irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa dha. Wanti tokko yoo nu dallansiise saffisaan haala yeroo san jirru irraa of jijjiiruu qabna. Yoo dhaabbataa jiraanne, taa’uudha. Akkasumas wuduu’a godhuudhaan sheeyxaan jibbaa nu keessatti facaasuuf tattaaffataa jiru ofirraa ari’uun barbaachisaa dha.

Inni biraa bakka jirru san irraa fagaannee deemuudha. Yeroo dallanne sanitti haasawuu dhiifnee cal’isuunis filmaata guddaa dha. Namni yeroo dallanetti cal’ise, jecha hamaa dubbatuu irraa of eeguu danda’a. Waan hunda caalaa garuu waadaa Rabbi nuuf seene yaadachuun barbaachisaa dha.

١٣٣ٱلَّذِينَ يُنفِقُونَ فِي ٱلسَّرَّآءِ وَٱلضَّرَّآءِ وَٱلۡكَٰظِمِينَ ٱلۡغَيۡظَ وَٱلۡعَافِينَ عَنِ ٱلنَّاسِۗ وَٱللَّهُ يُحِبُّ ٱلۡمُحۡسِنِينَ ١٣٤

(Isaan) warra yeroogammachuu fi gaddaa arjooman; kan dallansuu liqimsanii fi namootaaf dhiifama godhamii dha. Rabbiinsi toltuu hojjattoota ni jaalata. (Aali Imraan 134)

Namni haga Ergamaa Rabbii ﷺ arrabsamee fi dararame hin jiru. Ta’us ajrii isaanii hunda Rabbi irratti herreeggatanii dallansuu isaanii irratti obsanii jiran. Yeroo tokko cinqaa fi rakkoo tana jalaa fala yoo argadha jedhanii, gara Xaa’if deeman. Wanti achitti isaan mudate, garuu akka isaan eegan san hin taane. Ijoolleen xixiqqoon dhagaan tumaa isaan ari’an. Dhiigni miila isaanii irraa osoo yaa’u, Rabbii isaanii rakkoo itti jirtu akka isaan irraa kaasu kadhatan. Yeroo kanatti Malaa’ikaan gaaraa itti dhufee, ajaja akka itti kennanii fi gaara lamaan walitti maxxansee ummata Xaa’if hunda fixuudhaaf isaan gaafate. Deebisaan isaanii garuu ka ajaa’ibaati. Osoo miidhaan sun hundi isaanirra gahu, dhiigni sun osoo isaanirraa dhangala’u, “Lakki, sanyii isaanii keessaa, namoota Rabbiin qofa gabbaran naa baasuu isaa hawwa” jedhan. Waan hunda Rabbumaaf jecha dallananii, Rabbuma irratti dhiisanii milkaayan. Nutis haga dandeenyeen dallansuu keenya too’achaa, jaalala Rabbii haa barbaannu jenna.

Comments
Loading...