header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Dargaggoonni Walitti bu’iinsa magaalaa Finfinnee keessatti uumame hordofuun too’annaa jala oolfamaanii turan lakkifaman

Qophii Simannaa ABO ji’a fulbaanaa keessa magaalaa Finfinneetti godhamaa ture hordofuun, dargaggoonni magaalaa Finfinnee kutaalee magaalattii heddu keessatti akka simannaan kun hin geggeefamne jeequmsa kaasuun ni yaadatama. Kanuma hordofuun poolisiiin magaalaa Finfinnee dargaggoota 1274 tahan kanneen jeequmsa kana irratti hirmaatuun shakkaman to’annaa jala oolchuun, gara Kaampii leenjii waraanaa Xoollaayitti geessuu beeksisee ture.

Dargaggoota kanneen jidduu 1174 leenjii haaromsaa kennameef xumuruun, guyyaa har’aa gara magaalaa Finfinnee kan deebi’an tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Odeeyfannoon fuula feesbuuka komishiina Poolisii magaalaa Finfinnee irratti maxxanfame akka mul’isutti, qabiyyeen leenjii dargaggoota kanneeniif kennamee, guddina biyyattii keessatti gahee dargaggoota irraa eegamu maal tahuu qaba, kan jedhu ture.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button