header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Koroonaa

Dawaan waldhaansa dhibee Covid-19’f yaalii irraa ture bu’aa gaarii argamsiisuun ibsame.

Qorichi namoota vaayirasii koroonaatiin qabaman waldhaanuuf yaalii irra ture, namoota vaayirasichaan qabamanii dhukkuba cimaa sadarkaa du’aatiin gahuu malu keessa turan jidduu, dhibbeentaa shantamaa ol fayyisuu bu’aan qorannoo kilinikaalaa mul’ise.

Qorichi bifa Kiniinaatiin qophaayeefi jalqaba dhibee infuenzaa ittiin yaaluuf tolfame, kan maqaa molnupiravir jedhamuun moggaafame kun dhukkubsattoota dhiyeenya vaayirasichaan qabamaniif, guyyaatti si’a lama kennamaa akka ture ibsame.

Kaampaaniin Ameerikaa qoricha kana tolche Merck akka jedhetti, bu’aan qorannoo kanaa haalaan dansaa tahuu isaatiin, ogeeyyonni qorannoo kana madaalan qorannoo dabalataa osoo hin barbaachisin, qorichi hojii irra akka oolu gaafatanii jiru jedhe. Haaluma kanaan dawaan kun kana booda yeroo torban lama hin caalle keessatti, Ameerikaa keessatti namoota Vaayirasichaan qabamanii dhukkubbii cimaan muudate ittiin waldhaanuuf, hayyama argachuuf qophiin xumuramuu kaampaanichi hime.

Haaluma kanaan kiniinaan molnupiravir mootummaa Ameerikaa irraa hayyama yoo argate, qoricha farra-vaayirasii Covid-19 afaaniin fudhatamu isa jalqabaa taha.

Kaampaaniin Merck akka jedhutti, qorichi kun gosoota vaayirasii gara fuulduraatti of jijjiiraa adeemaniifillee ni fayyada.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button