header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Deeggarsi lammiilee Oromoo Naannoo Somaalee Irraa buqa’aniif godhamu cimee itti fufee jira.

Godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti hawaasni, lammiilee Oromoo Naannoo Soomalee irraa qabeenya isaanii irraa buqqifamaniif deggarsa maallaqa huccuu fi meeshalee manaa adda addaa walitti qabuun cimee itti fufee jira.

Barattoonni Yuunivarsitii Haramaayaa Koollejjii Fayyaa Hararitti baratan, guyyaa kaleessaa huccuu fi kophee feestaala 80 tahu walitti qabuun gumaachaniiru. Haaluma walfakkaatuun godina Qeellam Wallaggaa magaalaa Machaaraatti hojjattoonni mootummaa fi barattooni, ummata qe’ee isaa irra buqa’eef qarshii 37,485 walitti qabuun beekameera.

Magaalaa Jimmaa keessattis ummanni guyyaa hardhaa haala bareedaan deggarsa walitti qabaa kan jiru tahuu maddeen nuuf gabaasaaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button