header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Dhaabbanni Bilisummaa Falasxiin Beekamtii Israa’eliif kennee ture kan haqe tahuu beeksise

Koreen Jiddu galeessaa Dhaabbata Bilisummaa Falasxiin (PLO) kora guyyaa lamaaf Ramallaah keessatti geggeessaa ture xumuruun ibsa baaseen,  dangaa bara 1967 irratti hundaayuun hanga Israa’eel Biyya Falasxiin magaala guddoo isii Al-Quds/Jerusalem waliin beekamtii guutuu kennitutti, beekamtii Israa’eliif kennee ture kan uggure tahuu beeksise.

 

Koreen Jiddu galeessaa PLO akka jedhetti,  bulchiinsi Falasxiin dhimma nageenyaa irratti waliigalteen Israa’eel waliin godhamee ture kan haqame yoo tahu, waliigalteen dhimmoota diinagdeetis yeroodhaaf kan uggurame tahuu beeksise.  Dabalataanis Waligaalteen Oslo Accord jedhamuun beekamu kana booda bu’aa kan hin qabne tahuu labse.

 

Dhaabbatichi  murtii kana kan fudhateef Walii galteewwan kunniin gama Israa’eliin kabajamaa waan hin jirreef tahuu ibse. Murtiin dhaabbatichaa kun hujii irra kan oolu Prezdaant Mahmuud Abbaas fi koree hujii raawwachiiftuu PLO’tiin yoo fudhatama argate qofa tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button