header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KuusaaOdeeyfannoo Biyyaa

Dhaabbanni Godaantota Addunyaa (IOM) Ji’oota lamaan dabran keessa lammiileen Ityoophiyaa 12,000 ol gara biyyaatti deebifamuu beeksise

Dhaabbanni Godaantota Addunya -IOM ejensii Odeeyfannoo Anaadooluu Niiwusiif akka himetti, eega weerarri Vaayirasii koroonaa ka’een booda qofa, lammiileen Ityoophiyaa 12,000 ol Suudaan, Jibuutii, Sa’uudii, Keeniyaa fi biyyoota biroo irraa gara biyya isaanitti deebifamanii jiru.

Ityoophiyatti Itti gaafatamaan Kominikeeshiinii IOM Obbo Alamaayehu Seeyfasillaasee, Ji’a April /2020 asitti lammiileen Ityoophiyaa 12,032 ol gara biyyatti kan deebifaman tahuu ibsuun, ammas torbeewwan itti aananitti baqattoonni heddu gara biyya isaanitti ni deebifamuu jedhe.

Baqattoota hanga ammaa gara biyyatti deebifaman jidduu 11, lammiilee Ityoophiyaa March dabre Mozaambiik keessatti haala sukkanneessaan konkolaataa keessatti ukkaamamanii dhuman biraa kanneen lubbuun hafan tahuu odeeyfannoon ni addeessa. March dabre lammiileen Ityoophiyaa 74 konkolaataa Konteeynaraa tokko keessatti fe’amanii gara Afrikaa Kibbaa imalaa osoo jiran, qilleensa dhabuun ukkaamamanii Mozaambiik keessatti namni 64 du’uu gabaasuun keenna ni yaadatama.
Lammileen biyya alaa irraa deebifaman kunniin irra hedduun naannolee gara garaa keessaatti, iddoo tursiisa addaatti hordoffiin fayyaa godhamaafii eega turee booda, bahanii gara maatii isaaniitti kan makamaa jiran tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

IOM Ityoophiyaa

7 Comments

  1. as.wr.wb bagaa nagaya jiratanii hundi keessan anii gaffii qaba garee gafii irraa naa galchaa jaza kalaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button